1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Yeroo ergamaan Rabbii nu keessa turanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii hunda xiqqaa fi guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabras, irraa nyaata irraa muddii afur, yookaan baaduu irraa muddii afur, yookaan garbuu irraa muddii afur, yookaan tamrii irraa muddii afur, yookaan zabiiba irraa muddii afur baafna ture

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ رضي الله عنه قَالَ:
كُنَّا نُخْرِجُ إِذْ كَانَ فِينَا رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ زَكَاةَ الْفِطْرِ، عَنْ كُلِّ صَغِيرٍ وَكَبِيرٍ، حُرٍّ أَوْ مَمْلُوكٍ، صَاعًا مِنْ طَعَامٍ، أَوْ صَاعًا مِنْ أَقِطٍ، أَوْ صَاعًا مِنْ شَعِيرٍ، أَوْ صَاعًا مِنْ تَمْرٍ، أَوْ صَاعًا مِنْ زَبِيبٍ، فَلَمْ نَزَلْ نُخْرِجُهُ حَتَّى قَدِمَ عَلَيْنَا مُعَاوِيَةُ بْنُ أَبِي سُفْيَانَ رضي الله عنه حَاجًّا، أَوْ مُعْتَمِرًا فَكَلَّمَ النَّاسَ عَلَى الْمِنْبَرِ، فَكَانَ فِيمَا كَلَّمَ بِهِ النَّاسَ أَنْ قَالَ: إِنِّي أَرَى أَنَّ مُدَّيْنِ مِنْ سَمْرَاءِ الشَّامِ، تَعْدِلُ صَاعًا مِنْ تَمْرٍ، فَأَخَذَ النَّاسُ بِذَلِكَ، قَالَ أَبُو سَعِيدٍ: فَأَمَّا أَنَا فَلَا أَزَالُ أُخْرِجُهُ كَمَا كُنْتُ أُخْرِجُهُ، أَبَدًا مَا عِشْتُ.

Abuu Sa'iid Al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Yeroo ergamaan Rabbii nu keessa turanitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii hunda xiqqaa fi guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabras, irraa nyaata irraa muddii afur, yookaan baaduu irraa muddii afur, yookaan garbuu irraa muddii afur, yookaan tamrii irraa muddii afur, yookaan zabiiba irraa muddii afur baafna ture, hanga Mu'aawiyaa ibnu abii Sufyaan hajjiif yookaan Umraaf gara keenyatti dhufetti akkasitti baasuu irraa booda hin deebine, minbara irra dhaabbatee namoota haasofsiise, waan namootatti haasawe keessaa: ani qamadiin shaam ganaan lama, tamrii ganaa afuritti akka qixxaa'u yaada, namoonnis sana fudhatani, Abuu Sa'iid ni jedhe: ani garuu hangan jiraadhetti akkuman duraan baasaa turetti baasuu irraa booda hin jedhu.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 985

Ibsaa

Muslimoonni yeroo Nabaiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo khaliifota qajeeloo booda isaaniitii dhufan keessatti zakaa fixrii xiqqaa fi guddaa irraa nyaata irraa hanga saa'ii tokkoo(ganaa harkaa afur) baasaa taurani. Nyaanni isaanii garbuu, (zabiiba): inaba goge, (Al-aqix): Aannan gogee fi tamira ture. Hangi saa'ii tokkoo muddii afuri, muddiin tokko guutuu ganaa lameenii nama giddu galeessa ta'eeti. Mu'aawiyaan yeruma khaliifaa ta'ee gara midiinaatti dhufe -Rabbi isa irraa haa jaallatu- qamadiin shaam hedduummaatee ture, khuxbaa godhee akkana jedhe: qamadiin shaam muddiin lama(wolakkaa saa'ii) tamira saa'ii tokko akka gituutu natti mul'ata. namoonnis sana fudhatani. Abuu Sa'iid Al-khudriin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ani immoo hanga jiruu kiyyaa akkuman yeroo Nabiyyii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- keessatti baasaa turetti baasuu tasuma hin dhiisu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Yeroo nabiyyii keessatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadaqaan fixrii hanga inni ta'e ibsuutu keessa jira, gostii fi gatiin kan wol dhabu yoo ta'es nyaata irraa saa'ii tokko.
  2. Nyaatni ilmi namaa nyaatu hundi zakaa fixriitiif ni ta'a, gosootni afran addatti kan dubbatamaniif; waan yeroo nabiyyii keessatti -Rabbiin ramataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nyaata namootaa turaniifi.
  3. Zakaa fixrii keessatti nyaataan ala birrii fi maallaqa baasuun hin eeyyamamuudha.
  4. Aalimni islaamaa Nawawiin sharhii muslim keessatti akkas jedhe: sahaabonni yeroo wol dhabanitti jechi garii isaanii kan garii isaanii irra kan caalu hin taane, kanaaf gara ragaa biraatti deebina, ergaan hadiisotaa ifa galaanii fi qiyaasni bishingaas ta'ee kan biraatiif saa'ii tokko ta'uu ulaagaa akka godhu argina, kanaaf isa qabachuun dirqama ta'a.
  5. Aalimni Islaamaa Ibnu Hajar akkas jedhe: Hadiisa Abuu Sa'iid keessa hordoffii jabaa, hadiisa qabachuu fi keeyyanni jiraachuu woliin gara ijtihaadaatti dabuu dhiisuu keessatti waan inni irra ture hubbanna, gocha Mu'aawiyaa fi namoonni isa hordofuu keessa immoo ijtihaadni eeyyamamaa ta'uu akeekuutu keessa jira, innis faarfamaadha. garuu keeyyanni jiraachuu woliin fudhatamummaan isaa kufaadha.

Garsisuu hiikowani

47 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية