1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. yaaminsaafii gorsa

hadiisa Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa

عن عرفجة رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«مَنْ أَتَاكُمْ وَأَمْرُكُمْ جَمِيعٌ عَلَى رَجُلٍ وَاحِدٍ، يُرِيدُ أَنْ يَشُقَّ عَصَاكُمْ، أَوْ يُفَرِّقَ جَمَاعَتَكُمْ، فَاقْتُلُوهُ».

Arfaajaa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- kan akkana jedhanin dhagahe:
"Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa".

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 1852

Ibsaa

Nabiyyiin, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu Muslimoonni bulchaa tokkoo fi garee tokko irratti yoo walitti qabamanii, eegasii namni motummaa isatti falmuu barbaadu yoo dhufe, ykn Muslimoota garee tokkoo adda babaasuu barbaadu yoo dhufe, isa dhoorganii isaan loluun dirqama isaan irratti akka ta'e ibsan, sababni isaas miidhaa isaa ofirraa deebisanii dhiigni muslimootaa akka gad hin jigne taasisuuf jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Yoo dilitti nama hin ajajin, bulchaa Muslimaa dhaggeeffachuu fi isaaf ajajamuun dirqama tahuu fi isa irratti ficiluun haraama ta'uudha.
  2. Namni imaama Muslimootaa fi garee isaanii irratti fincilu sadarkaa, kabajaa fi hidda dhaloota isaa osoo hin ilaalin isaan loluun dirqama ta'aadha.
  3. Tokkummaa irratti kakaasuudha, akkasumas wal qoqqooduu fi walii galuu dhabuu dhiisuu irratti kakaasuudha.

Garsisuu hiikowani

60 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية