1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii

عن أبي مالكٍ الأشعريِّ رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«الطُّهُورُ شَطْرُ الْإِيمَانِ، وَالْحَمْدُ لِلهِ تَمْلَأُ الْمِيزَانَ، وَسُبْحَانَ اللهِ وَالْحَمْدُ لِلهِ تَمْلَآنِ -أَوْ تَمْلَأُ- مَا بَيْنَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ، وَالصَّلَاةُ نُورٌ، وَالصَّدَقَةُ بُرْهَانٌ، وَالصَّبْرُ ضِيَاءٌ، وَالْقُرْآنُ حُجَّةٌ لَكَ أَوْ عَلَيْكَ، كُلُّ النَّاسِ يَغْدُو، فَبَايِعٌ نَفْسَهُ فَمُعْتِقُهَا أَوْ مُوبِقُهَا».

Abuu Maalik Al-Ash'arii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii. salaanni ifa akka ji'aati, sadaqaan immoo ragaadha, obsi ifa akka aduuti, qur'aanni siif ragaadha yookaan sirratti ragaadha, hundi namaatuu ganamaan bobba'uun lubbuu isaa gurgura, isii bilisoomsa yookaan isii balleessa".

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 223

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- qulqullinni mul'ataan waduu'aa fi dhiqannaan akka ta'u himani, isiin immoo salaata keessatti ulaagaadha. Akkasumas jechi: "Al-hamdulillaah miizaana guuttii" inni Isa faarsuu fi sifaata guutuun Isa wossafuudha -Inni qulqullaa,e- guyyaa qiyaamaatti mazzanamuun miizaana hojiiwwanii guutti. Akkasumas jechi: "Subhaanallaah wal hamdulillaah" iinni hir'ina hunda irraa Isa qulqulleessuu fi Isa jaallachuu fi Isa guddisuu waliin guutina daangaa hin qabne kan guddina Isaatiif maluun Isa wossafuudha, isiin gidduu samiiwwanii fi dachiiti guutti. Salaanni garbichaaf qalbii isaa keessatti, fuula isaa keessatti qabrii isaa keessattii fi kaafamuu isaa keessatti ifa taatiif. "Sadaqaan ragaadha" iimaanni mu'uminaa dhugaa ta'uu isaatii fi munaafiqa isa sadaqaa dhoorgatu irraa adda ta'uu isaa irratti ragaadha, sababaa inni (munaafiqni) waan isiidhaaf beellamame hin dhugeessineef jecha. "Sabriin ifa akka aduuti" -inni dallanuu fi aaruu irraa lubbuu hidhuudha- ifa isa waliin ho'ii fi gubiinsi argamuudha, akka ifa aduutti; inni waan jabaa ta'eef lubbuutti qabsaa'uu fi waan isiin barbaaddu irraa isii hidhuu barbaada; abbaan isaa isa ibsataa qajeelaa karaa sirrii irratti itti fufaa ta'uu irraa hin deebi'u. akkasumas inni ajaja Rabbii guutuu irratti obsuu fi Isa faallessuu irraa obsuudha, akkasumas balaawwan irrattii fi duuniyaa keessatti gosoowwan rakkinaa irratti obsuudha. "Qur'aanni siif ragaadha" isa qara'uu fi itti hojjachuun, yookaan "sirrati ragaadha" itti hojjachuu dhiiisuuni yookaan isa qara'uu dhiisuuni. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi namaatuu akka carraaqqatu hirriiba isaaniitii ka'anii mana isaaniitii ba'anii hojii isaanii addaa addaatiif jecha akka faca'an himani, Isaan irraa namni Rabbiif ajajamuu irratti gadi dhaabbatee lubbuu isaa ibidda irraa bilisa baaseeti jira, akkasumas isaan irraa namni isa sana irraa jallatee badii keessa bu'ee ibidda seenuun lubbuu isaa balleessee jira.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qulqullinni qulqullina gosa lama: qulqullina mul'ataa kan waduu'aa fi dhiqannaan ta'uu fi qulqullina keessoo kan tawhiida, iimaanaa fi hojii gaariidhaan ta'uudha.
  2. Barbaachisummaa salaata eeggachuun qabuudha, isiin duuniyaa fi Aakhiraatti gabrichaaf ifa taati.
  3. Sadaqaan iimaanni dhugaa ta'uu irratti ragaadha.
  4. Barbaachisummaa qur'aanatti hojjachuu fi isa dhugeessuun qabuudha, akka ragaa sirratti ta'uu osoo hin taanee akka ragaa siif ta'uuf jecha.
  5. Lubbuun Rabbiif ajajamuudhaan yoo isii hi muddine badiidhaan si mudditi.
  6. Namni hunduu hojjachuun dirqama; lubbuu isaa Rabbiif ajajamuun bilisoomsa, yookaan immoo badiidhaan isii balleessa.
  7. Obsi rakkinni isa keessa waan jiruuf danda'uu fi herregachuu barbaada.

Garsisuu hiikowani

68 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
FF Fulfulde foolaaniyyaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan azriffaa
EL Ελληνικά اليونانية
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو