1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuu kan heddummeessu turani: «Yaa kan qalbii garaggaggalchitu qalbii kiyya amantii kee irratti raggasisi

عَنْ أَنَسٍ رضي الله عنه قَالَ:
كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يُكْثِرُ أَنْ يَقُولَ: «يَا مُقَلِّبَ القُلُوبِ ثَبِّتْ قَلْبِي عَلَى دِينِكَ»، فَقُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ، آمَنَّا بِكَ وَبِمَا جِئْتَ بِهِ فَهَلْ تَخَافُ عَلَيْنَا؟ قَالَ: «نَعَمْ، إِنَّ القُلُوبَ بَيْنَ أُصْبُعَيْنِ مِنْ أَصَابِعِ اللهِ يُقَلِّبُهَا كَيْفَ يَشَاءُ».

Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuu kan heddummeessu turani: «Yaa kan qalbii garaggaggalchitu qalbii kiyya amantii kee irratti raggasisi», nan jedhe: yaa ergamaa Rabbii, sii fi waan ati ittiin dhuftetti amannee jirra, nurratti ni sodaattaa? isaanis ni jedhani: «eeyyeen, qalbiin quboowwan Rabbii keessaa quba lameen gidduutti argamti akka fedhe isii garaggaggalcha».

sirrii tirmiziifii ahmad odeessan sunana tarmizii - 2140

Ibsaa

Irra guddaan kadhaa ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amantaa fi ibaadaa irratti ragga'uu akkasuma jallinaa fi karaa irraa ba'uu irraa fagaachuu Rabbiin kadhachuu ture. Anas bin maalik -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhaa kana heddummeessuu isaanii ajaa'ibsiifate, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qalbiiwwan qubootii Rabbii keessaa quba lameen gidduu akka jirtu akka fedhetti akka isii gaggargalchu isatti himani. Qalbiin buufata iimaanaatii fi kufriiti, qalbiin qalbii (kan garagalu) jedhamee kan waamameef gaggaragaluu waan heddummeessuuf jecha. inni gaggaragaluu distii yeroo danfitee caalatti gaggaragala. Rabbiin nama fedhe qajeeluma irratti gadi isa dhaabee diinii irratti isa raggaasisa. nama fedhe immoo qalbii isaa qajeeluma irraa gara dabaafii jallinaatti isa oofa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiif gadi of qabuu isaaniitii fi isatti cuucumma'uu isaanii agarsiisa, akkasuma ummata isaaniis sana kadhachuutti isaan qajeelchuutu keessa jira.
  2. Barbaachisummaa amantii irratti gadi dhaabbachuu fi isa irratti ragga'uun qabuu fi kan ilaalamu xumura ta'uu isaa.
  3. Garbichi hanga libsuu ijaatiifillee Rabbiin isa raggaasisuu irraa of ga'uu akka hin dandeenyeedha.
  4. Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hidhachuuf jecha kadhaa kana heddummeessuutti kakaasuutu keessa jira.
  5. Islaamummaa irratti ragga'uun tola isa guddicha garbichi isa argachuuf carraaquu qabuu fi isa irrattis gooftaa isaa galateeffachuu qabuudha.

Garsisuu hiikowani

53 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية