1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama

عن عبد الله بن عمرو رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«مَنْ قَتَلَ مُعَاهَدًا ‌لَمْ ‌يَرَحْ ‌رَائِحَةَ الْجَنَّةِ، وَإِنَّ رِيحَهَا تُوجَدُ مِنْ مَسِيرَةِ أَرْبَعِينَ عَامًا».

Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan:
"Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama".

sirrii Bukhaariitu gabaase Sahiiha bukhaarii - 3166

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa haa jiraatu- nama nama walii galtee muslimtoota waliin qabu ajjeesse -innis kaafiroota irraa walii galtee nageenyatiin nama gara biyya islaamaa dhufe- urgooftuu jannataa arguu dhabuun doorsisni cimaan akka isa irra jiru ibsan, urgaan jannataa fageenya imala waggaa afurtamaa irraa akka dhahuus dubbataniiru.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kaafiroota irraa mu'aahad, zimmiyyii fi musta'aman ajjeesuun haraama yoo ta'u, innis diliiwwan gurguddoo irraa akka ta'eedha.
  2. Mu'aahad jechuun: Nama kaafiroota irraa walii galteen irraa fuudhamee biyya isaa keessa jiraatu, kan Muslimootan hin lolle, isaanis isaan kan hin lolleedha. Zimmiyyii jechuun: Jechuun nama biyya muslimoota keessa qubatee gibira kaffalaa jiraatuu dha. Musta'aman jechuun: nama yeroo murtaa’eef walii galtee nageenyatiin biyya muslimootaa seeneedha.
  3. Namoota Muslima hin taane waliin walii galtee diiguu/ganuu irraa akeekkachiisuudha.

Garsisuu hiikowani

60 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية