1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha

عَنْ أَبِي مُوسَى رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِنَّمَا مَثَلُ الْجَلِيسِ الصَّالِحِ وَالْجَلِيسِ السَّوْءِ كَحَامِلِ الْمِسْكِ وَنَافِخِ الْكِيرِ، فَحَامِلُ الْمِسْكِ: إِمَّا أَنْ يُحْذِيَكَ، وَإِمَّا أَنْ تَبْتَاعَ مِنْهُ، وَإِمَّا أَنْ تَجِدَ مِنْهُ رِيحًا طَيِّبَةً، وَنَافِخُ الْكِيرِ: إِمَّا أَنْ يُحْرِقَ ثِيَابَكَ، وَإِمَّا أَنْ تَجِدَ رِيحًا خَبِيثَةً».

Abuu Muusaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha. Miskii namni baatu: Yookaan kennaa siif laata, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgaa namatti tolu isa irraa urgeeffatta. Namni beeloo afuufu ammoo: Uffata sirraa guba ykn ammoo hafuura badaa irraa argita».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 2628

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- namoota irraa gosa lamaaf fakkeenya kaa'an:
Gosti jalqabaa: Hiriyyaa fi jaalallee gaarii kan waa'ee Rabbii fi waan Inni jaalatu nama agarsiisu, kan Rabbiif ajajamuu irratti gargaaruudha. Inni akka nama miskii gurguruuti Yookaan siif kenna, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgooftuu namatti tolu isa irraa argattee deemta.
Gosti lammaffaa: Hiriyyaa fi jaalallee hamaa karaa Rabbii irraa nama gufachiisu, cubbuu hojjechuuf kan nama gargaaruu fi nama gocha fokkisaa irraa argitu, kan nama akka isaa waliin taa'uu fi itti hiriyoomuu keetin balaaleffamtuudha. Inni akka nama sibiila tumuuf ibiddaa afuufuti; Yookaan uffata kee qaanqee balali'uun guba, yookaan immoo isaatti dhihaachuu irraa afuura ajaayu argita.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hiika isaa dhaggeeffataaf dhiheessuuf jecha fakkeenya fayyadamuun ni hayyamamaadha.
  2. Namoota Rabbiif ajajamanii fi qajeeluma qaban waliin taa'uu irratti kakaasuu fi namoota badii fi warra safuu hin qabne irraa fagaachuu irratti kakaasuudha.

Garsisuu hiikowani

56 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية