1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban

عَن أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«يُسَلِّمُ الرَّاكِبُ عَلَى المَاشِي، وَالمَاشِي عَلَى القَاعِدِ، وَالقَلِيلُ عَلَى الكَثِيرِ». وَلِلبُخَارِي: «يُسَلِّمُ الصَّغِيرُ عَلَى الكَبِيرِ، وَالمَارُّ عَلَى القَاعِدِ، وَالقَلِيلُ عَلَى الكَثِيرِ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. ​
"Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban". Akka Al-Bukhaariin gabaasetti: "ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni karaa darbu immoo nama taa'aa jiruun salaamataa jechuudha qaba, namni muraasni nama baay'een salaamataa jechuudha qaba".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 6232

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu- namoota gidduutti naamusa salaamataa waliin jechuu irratti qajeelfama kennan "Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh", Ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni yaabbate immoo nama miilan deemu irratti salaammachuudha qaba, namni miilan deemu nama taa'aa jiru irratti salaammachuudha qaba, namoonni lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'ees namoota lakkoofsi isaanii hedduu ta'e irratti salaammachuudha qaba.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akkaataa hadiisicha keessatti dhufetti salaamataa waliin jechuun jaallatamaa ta'uudha, miilan namni deemu nama yaabbateen salaamataa yoo jedhe, akkasumas akkaataa hadiisicha keessatti dubbatame irraa faallaatti salaamataa waliin jechuun yoo argame ni danda'ama, garuu inni caalaa fi filatamaa miti. ​
  2. Akkaataa hadiisicha keessatti tuqameen salaamataa facaasuun wantoota wal jaallachuu fi walitta dhiheenyaf sababaa ta'an irraayi.
  3. Wantoota dubbataman keessatti yoo wal qixa ta'an, irra caalan isaanii nama salaamataan dura eegaleedha.
  4. Wantoota namoonni barbaadan hunda keessatti shari'aan islaamaa guutuu ta'uudha.
  5. Naamusa salaamataa waliin jechuu barsiisuu fi abbaa haqaa hundaaf haqa isaa kennuudha.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية