1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ نَفَّسَ عَنْ مُؤْمِنٍ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ الدُّنْيَا نَفَّسَ اللهُ عَنْهُ كُرْبَةً مِنْ كُرَبِ يَوْمِ الْقِيَامَةِ، وَمَنْ يَسَّرَ عَلَى مُعْسِرٍ يَسَّرَ اللهُ عَلَيْهِ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَمَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ اللهُ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، وَاللهُ فِي عَوْنِ الْعَبْدِ مَا كَانَ الْعَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهِ، وَمَنْ سَلَكَ طَرِيقًا يَلْتَمِسُ فِيهِ عِلْمًا سَهَّلَ اللهُ لَهُ بِهِ طَرِيقًا إِلَى الْجَنَّةِ، وَمَا اجْتَمَعَ قَوْمٌ فِي بَيْتٍ مِنْ بُيُوتِ اللهِ يَتْلُونَ كِتَابَ اللهِ وَيَتَدَارَسُونَهُ بَيْنَهُمْ إِلَّا نَزَلَتْ عَلَيْهِمِ السَّكِينَةُ، وَغَشِيَتْهُمُ الرَّحْمَةُ، وَحَفَّتْهُمُ الْمَلَائِكَةُ، وَذَكَرَهُمُ اللهُ فِيمَنْ عِنْدَهُ، وَمَنْ بَطَّأَ بِهِ عَمَلُهُ لَمْ يُسْرِعْ بِهِ نَسَبُهُ».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
"Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura, nama nama rakkatetti laaffise Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa, nama muslima tokko sattare Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isa sattara, hanga garbichi obboleessa isaa gargaaruu irra jiraatetti Rabbiinis gargaarsa garbicha isaa irra jira, beekumsa barbaachaaf jecha nama karaa bu'e Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa, hawaasni tokko kitaaba Rabbii qara'uu fi gidduu isaaniitti wol barsiisuuf jecha manneen Rabbii keessaa mana tokkotti wolitti qabamaniiru taanan hanga tasgabbiin isaan irratti bu'ee, rahmanni isaan haguugee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isa bira jiranu biratti isaan dubbatu malee hin hafu, nama hojiin isaa booda isa aanse firri isaa isa ariifachiisuu hin danda'u".

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2699

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan muslimaa Rabbiin biratti fakkaataa waan muslmni muslimootaa waliin hojjatuutiin akka ta'e ibsani; namni mu'umina afuura fudhachiisee, furmaata isaa buusee rakkoo fi hammeenya duuniyaa isa irraa deemsisee isa irraa kaase, Rabbiin rakkinoota guyyaa qiyaamaa irraa rakkina tokko isa irraa furuun isa mindeessa. Namni rakkataatti laaffisee isatti salphisee rakkina isa irraa deemsise, Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa. Mucucaa fi badii irraa waan isa ifa baasuun hin barbaachifne namni muslima tokko irratti argee isa isaaf dhokse, Rabbiin duuniyaa fi Akiraatti isaaf dhoksa. Hanga garbichi obboleessa isaa bu'aa isaa diinii fi duuniyaa keessatti gargaaruuf bobba'eera ta'etti, Rabbiin garbicha isaatiif gargaaraa ta'aaf, gargaarsi du'aa'ii, qaama, qabeenyaa fi waan birootiin ta'a. Haala deemsa isaatiin fuula Rabbii ol ta'ee barbaadeen namni beekumsa shari'aa argachuuf deeme; Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa. Namoonni wohii manneen Rabbii keessaa mana tokko keessatti wolitti qabamanii, Qur'aana Rabbii kan dubbisanuu fi gidduu isaaniitti kan wol barsiisanu yoo ta'an, tasgabbiinii fi bilchinni isaanitti bu'ee, rahmanni Rabbii isaan haguugee wol isaan ga'ee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isatti dhihoo isa bira jiranu biratti isaan faarsu malee hin hafu, kabajaaf Rabbiin garbicha isaa qaama olaanaa biratti isa dubbachuun ga'aadha. Namni hojiin isaa hir'uu ta'e, maatiin isaa sadarkaa worra hojii guutuu hojjataniitti isa hin qaqqabsiisu, kanaafuu kabajaa gosaa fi sadarkaa abbootii isaatti hirkatee hojii keessatti gabaabbachuu dhabuutu barbaachisa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Beekaan islaamaa Ibnu Daqiiq Al-Iid akkas jedha: kun hadiisa guddaadha, gosoota beekumsaa, seeraa fi namuusaalee kan wolitti qabatedha, sadarkaa dhimma muslimootaa baasuu fi beekumsaan yookaan qabeenyaan yookaan gargaarsaan yookaan bu'aa wohiitti akeekuun yookaan gorsaan yookaan waan biroo waan danda'amuun isaan fayyaduun qabuutu isa keessa jira.
  2. Rakkataatti laaffisuutti kakaasuutu keessa jira.
  3. Garbicha muslimaa gargaaruutti kakaasuutu keessa jira, Rabbiin ol ta'e akkaataa gabrichi obboleessa isaa gargaaruun isa gargaara.
  4. Muslima dhoksuu irraa: hirdhina isaa hordofuu dhabuudha, garii salafaa irraa akkas jechuun odeeffamee jira: tuuta wohii kan hirdhina hin qabne, kan hirdhina namootaa dubbatanii jennaan, namoonnis hirdhina isaanii dubbatanun arge, akkasumas tuuta wohii kan hirdhina qabanu, garuu hirdhina namootaa dubbachuu irraa of qabaniii jennaan, kan hirdhinni isaanii irraanfatamen arge.
  5. Namootaa dhoksuu jechuun ijaan argaa badii dhiisuu fi isa deemsisuu dhabuu jechuu miti, garuu badiis hin deemsisa ni dhoksaafis, kun kan ta'u nama badii fi jallina amaleeffachuun isaa hin beekamneefi, namni sanaan barame immoo isaaf dhooksuun hin jaallatamu, inumaa dhimmi isaa nama aangoo qabu biraan ga'ama, sababaa sanaan badiin biraa yoo kan soodaatamu hin taane; isaaf dhoksuun badii irratti hafuu irratti waan isa gowwoomsuu fi gabroottan rakkisuu irratti isaa fi worroota hamtuu fi fiincilaa biroo waan onnachiisuuf jecha.
  6. Beekumsa barbaaduu, Qur'aana dubbisuu fi woliin isa barachuu irratti kakaasuutu keessa jira.
  7. Imaam Annawawiin akkas jedha: kana keessa ragaa sadarkaa Qur'aana qara'uuf jecha masjiida keessatti wolitti qabamuun qabuutu jira...sadarkaa kana argachuu keessatti madrasaa, halaqaa ilmii fi kan kana fakkaatan biroo keessatti walitti qabamuunis akkuma masjiidaatti lakka'ama inshaa Allaah.
  8. Rabbiin mindaa hojii irratti hundeesse malee firummaa irrattii miti.

Garsisuu hiikowani

60 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو