1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Yaa Rabbi siin bariisifanne, siin galgaleefanne, siin jiraanna, siin duuna, deebiin garuma keeti

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
أَنَّهُ كَانَ يَقُولُ إِذَا أَصْبَحَ: «اللهُمَّ بِكَ أَصْبَحْنَا، وَبِكَ أَمْسَيْنَا، وَبِكَ نَحْيَا، وَبِكَ نَمُوتُ، وَإِلَيْكَ النُّشُورُ» وَإِذَا أَمْسَى قَالَ: «بِكَ أَمْسَيْنَا، وَبِكَ أَصْبَحْنَا، وَبِكَ نَحْيَا، وَبِكَ نَمُوتُ، وَإِلَيْكَ النُّشُورُ» قَالَ: وَمَرَّةً أُخْرَى: «وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu-:
Ganama Ganama akkas jedhan ture: «Yaa Rabbi siin bariisifanne, siin galgaleefanne, siin jiraanna, siin duuna, deebiin garuma keeti» yeroo galgalaa immoo akkana jedhan: «Yaa Rabbi siin galgaleefanne, siin bariisifanne, siin jiraanna, siin duuna, deebiin garuma keeti» yeroo tokko immoo akkas jedhan: «Deebin garuma keeti».

hasani رواه أبو داود والترمذي والنسائي في الكبرى وابن ماجه sunana kunraa nasaa'ii - 10323

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo jalqaba guyyaa isaanif bari'e akkana kan jedhan ta'an:
(Yaa Rabbi siin bariisifanne) eegumsa kee keessa jiraataa, qananii kee keessatti cuuphamaa, zikrii kee irratti bobba’aa, maqaa keetin gargaarsifataa, towfiiqa keetiin hammatamaa, malaa fi humna keetiin sochoo’aa, (siin galgaleefanne, siin jiraanna, siin duuna) galgala jedhamuu waliin akkuma jechota armaan duraa fakkaata, ni jedhan: siin galgaleeffanne, maqaa kee isa jiraachisaa ta'een jiraanna, maqaa kee isa ajjeesaa ta'een immoo ni duuna, (garuma kee deebina) Du’a booda ka’uu, walitti qabamuu booda addaan bahuu,, haalli keenya yeroo hundumaa haala kanaan itti fufa, haalota hafan gonkumaa irraa hin fagaadhus hin dhiisus.
Yeroo galgala ga’anis asrii booda irraa kaasanii akkana jedhan: (Yaa Rabbi siin galgaleefanne, siin bariisifanne, siin jiraanna, siin duuna, garuma kee deebina) Deebi'uun addunyaa tana keessatti, gara dhumaatti deebi'uunis, simatu na jiraachisa, simatu na ajjeesa.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hidhachuuf jecha du'aa'ii kana ganamaa fi galgala jechuun jaalatamaa ta'uudha.
  2. Gabrichi haalaa fi yeroo isaa hunda keessatti Gooftaa isaa Rabbitti haajamaa ta'uudha.
  3. Zikriiwwan qara'uu keessatti caalaan, ganama jalqaba guyyaa keessatti barii irraa kaasee hanga aduun baatutti, Asrii booda irraa kaasee hanga osoo aduun hin lixin duraati, ganama erga bari'ee booda yoo jedhe ni danda'a. yoo zuhrii booda jedhes ni danda'a, yoo salaata magribaa booda jedhes ni danda'a, suni yeroo zikriiti.
  4. Yeroo ganamaa "Wa ileyka al-nushuur" jechuun, kun yeroo namoonni du'anii guyyaa qiyaamaa kaafaman isa yaadachiisa, kun du’aa ka’uu haaraa dha, guyyaa haaraa lubbuun isa keessatti namatti deebitu, kan namoonni isa keessatti faffaca'an, ganamni haaraan Rabbiin isa uume kun hafuura baafata, Ilma Aadam irratti ragaa ta’uuf, yeroo fi waqtiin isaa hojii keenyaaf kuusaa ta’a.
  5. Yeroo galgalaa "Wa ileyka al-masiir" jechuun, yeroo namoonni hojiilee isaanitii fi jiruu jireenya isaanitiif faffaca'iinsa isaanii irraa deebi'ani, gara manneen isaanii deebi'ani, erga gar gar bahanii booda gara boqonnaatti deebi'ani, kun gara Rabbii ol ta'ee guyyaa qiyaamaa deebi'uu yaadachiisa.

Garsisuu hiikowani

50 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية