1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu

عن أبي موسى رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«إِنَّ اللهَ لَيُمْلِي لِلظَّالِمِ، حَتَّى إِذَا أَخَذَهُ لَمْ يُفْلِتْهُ» قَالَ: ثُمَّ قَرَأَ: «{وَكَذَلِكَ أَخْذُ رَبِّكَ إِذَا أَخَذَ الْقُرَى وَهِيَ ظَالِمَةٌ إِنَّ أَخْذَهُ أَلِيمٌ شَدِيدٌ}[هود: 102]»

Abuu Muusa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu» ni jedhe: eegasii Aayaa qur'aanaa kana qara'ani: «{Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo (warra) magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102]».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 4686

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- badii fi shirkiin lubbuu ofii miidhuu fi haqa isaanii keessatti namoota miidhuu irraa sodaachisani, Rabbiin ol ta'e nama nama miidhuuf yeroo kennaaf, booda isa aansa, umurii fi qabeenya isaas ni dheereessa adabbii isatti hin jarjarsu; yoo hin toobanne miidhaan isaa waan heddummaateef qabaa gad isa hin lakkifne isa qaba.
eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Aayaa Qur'aanaa kana qara'ani: {Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102].

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni sammuu qabu toobaatti ariifachuu qaba, badii irratti kan jiraatu yoo ta'e tooftaa Rabbii akka hin amanne.
  2. Rabbiin zaalimtootaaf yeroo kennuun adabbiin isaanitti ariifachuu dhabuun, isaan daguu fi yoo kan hin toobanne ta'e adabbii isaanii dachaa taasisuufi.
  3. zulmiin sababaawwan Rabbiin ummata ittiin adabu irraati.
  4. Rabbiin magaalaa tokko yoo balleesse namoonni gaggaariin isii keessa jiraachuutu mala, isaan kun guyyaa qiyaama gaarii irraa waan irratti du'an irratti kaafamu, adabbiin duuniyaa isaan qaqqabuun isaan hin miidhu.

Garsisuu hiikowani

64 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
FF Fulfulde foolaaniyyaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
YAO Yao الياو
KMR Kurmancî الكرمنجية