1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرٍو رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا:
أَنَّ رَجُلًا سَأَلَ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: أَيُّ الإِسْلاَمِ خَيْرٌ؟ قَالَ: «تُطْعِمُ الطَّعَامَ، وَتَقْرَأُ السَّلاَمَ عَلَى مَنْ عَرَفْتَ وَمَنْ لَمْ تَعْرِفْ».

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffamee Rabbiin isaan irraa haa jaallatu:
Namichi tokko Nabiyyicha nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkas jedhee gaafate: Islaamummaa keessaa kamtu caala?isaanis akkas jedhaniin: "Nyaata nyaachifta, warra beektu fi warra hin beeknenis salaamataa jetta". ​

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 12

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, gaaffii kana irraa gaafatamnaan: Amaloota Islaamaa keessaa kamtu caala? Amaloota lama kaasan:
Inni jalqabaa: hiyyeeyyii nyaachisuu baay’isuudha, isa keessa tola ooltummaan, kennaan, keessummeessuu fi affeerraan cidhaa kan galu yoo ta’u, yeroo beelaa fi gatiin jireenyaa qaala'e nyaachisuun immoo daran caalaa ta'a.
Inni lammataa: muslima hunda, beektus beekuu baattus salaamataa isaan jechuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sahaabaan amaloota addunyaa fi aakhiraa keessatti nama fayyadan beekuuf fedhii guddaa akka qabaniidha.
  2. Salaamataa jechuu fi nyaata nyaachisuun hojiiwwan Islaama keessatti caalaa ta’an keessaa tokko; Sababni isaas sadarkaa qabaachuu isiiti fi namoonni yeroo hunda keessatti waan itti haajamaniif jecha.
  3. ​Amaloota lamaan kana jalatti jechaa fi gochaan waliin tola hojjechuun akka hammatamaniidha, inni tola ooltummaa hunda caalaa guutuudha. ​
  4. Amaloonni kunneen akkaataa Muslimoonni waliin itti jiraataniin kan walqabatu yoo ta’u, hariiroo gabrichi Rabbii isaa wajjiin qabaachuu qabu keessatti amaloota biroo hedduutu jiru. ​
  5. Salaamataan jalqabuun muslimoota qofaaf waan ta’eef kaafira dursanii isaan salaamataa jechuun hin ta'u. ​

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية