1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa “Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”

عَنْ سَعْدِ بْنِ أَبِي وَقَّاصٍ رضي الله عنه عَنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُ قَالَ:
«مَنْ قَالَ حِينَ يَسْمَعُ الْمُؤَذِّنَ أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، رَضِيتُ بِاللهِ رَبًّا وَبِمُحَمَّدٍ رَسُولًا، وَبِالْإِسْلَامِ دِينًا، غُفِرَ لَهُ ذَنْبُهُ».

Sa'ad bin Abii Waqqaas irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan:
“Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 386

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu namni mu'azzina yeroo dhaga'u du'aa'ii armaan gadii kana jedhe galata guddaa akka qabu himan: "Ashhadu an laa ilaaha illallaahu wadahuu laa shariika lah" jechuunis: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi gabbaramaan Isa malee jiru hundi soba akka ta'e nan raggaasisa, ragaa ba'a, "Wa anna Muhammadan abduhuu marasuuluhu" jechuunis: Muhammad gabricha Rabbii kan gabbaramne ta'uu fi Ergamaa Isaa kan hin sobne ta'uu ragaa ba'a, "Radiitu billaahi rabbaa" jechuunis: Rabbiin hojiilee, gabbartii, maqoolee Isaati fi sifowwan Isaatin gooftaa ta'uu jaaladhe", “Wabimuhammadin rasuulaa", jechuunis: Muhammad hunduma waan isaan ergamanii fi nutti geessaniin waliin ergamaa ta'uu jaaladhe jechuudha, "Wabil islaami" jechuunis: Islaamummaa ajajoota fi dhoorgaalee irraa hunda heera fi seera isaa waliin jaaladhe jechuudha, “Diinaa" jechuunis: itti amanuu fi jala masakamuu keessatti amantii ta'uu jaaladhe jechuudha, “Diliin isaa ni dhiifama" jechuunis: nama du'aa'ii kana jedhe diliin isaa kan diliiwwan xixiqqaa irraa ta'e isaaf dhiifama jechuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Yeroo waamicha azaanaa dhaga’anitti du'aa'ii kana irra deddeebi’uun jechuun, wantoota badiiwwan namarraa haqan keessaa isa tokko.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية