عَنْ أَبِي عَبْدِ اللَّهِ النُّعْمَانِ بْنِ بَشِيرٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّم يَقُولُ:
«إنَّ الحَلَالَ بَيِّنٌ، وَإِنَّ الحَرَامَ بَيِّنٌ، وَبَيْنَهُمَا مُشْتَبِهَاتٌ لَا يَعْلَمُهُنَّ كَثِيرٌ مِنَ النَّاسِ، فَمَنْ اتَّقَى الشُّبُهَاتِ اسْتَبْرَأَ لِدِينِهِ وَعِرْضِهِ، وَمَنْ وَقَعَ فِي الشُّبُهَاتِ وَقَعَ فِي الحَرَامِ، كَالرَّاعِي يَرْعَى حَوْلَ الحِمَى يُوشِكُ أَنْ يَرْتَعَ فِيهِ، أَلَا وَإِنَّ لِكُلِّ مَلِكٍ حِمًى، أَلَّا وَإِنَّ حِمَى اللَّهِ مَحَارِمُهُ، أَلَّا وَإِنَّ فِي الجَسَدِ مُضْغَةً إذَا صَلَحَتْ صَلَحَ الجَسَدُ كُلُّهُ، وَإذَا فَسَدَتْ فَسَدَ الجَسَدُ كُلُّهُ، أَلَا وَهِيَ القَلْبُ».
المزيد
Abuu Abdullaah Annu'umaan ibnu Bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha, gidduu isaaniitti wantoota wal fakkaatan kan namoonni hedduun isaan hin beekneetu jiran, namni wal fakkaattuu eeggate amantii fi kabajaa isaatiif qulqullina barbaade, wal fakkaattuu keessa namni bu'e haraama keessa bu'e, inni akka tiksee daangaa cinaatti tiksuuti, isa keessa seenee dheeduutu mala, dhaga'aa! mootii hundaafuu daangaatu jira, dhaga'aa! daangaan Rabbii dhoorgaa Isaati, dhaga'aa! dhugumatti qaama namaa keessa waan akka cittuu fooniitu jira, yeroo isiin tolte qaamni hundi ni tola, yeroo isiin badde immoo qaamni hundi ni bada, dhaga'aa! isiin qalbiidha".