1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Eenyunuu qalbii isaa irraa dhugoomsee haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa ba'eera taanaan Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisu malee hin hafu

عن أنس بن مالك رضي الله عنه:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَمُعَاذٌ رَدِيفُهُ عَلَى الرَّحْلِ قَالَ: «يَا مُعَاذُ بْنَ جَبَلٍ»، قَالَ: لَبَّيْكَ يَا رَسُولَ اللهِ وَسَعْدَيْكَ، قَالَ: «يَا مُعَاذُ»، قَالَ: لَبَّيْكَ يَا رَسُولَ اللهِ وَسَعْدَيْكَ، ثَلَاثًا، قَالَ: «مَا مِنْ أَحَدٍ يَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ صِدْقًا مِنْ قَلْبِهِ إِلَّا حَرَّمَهُ اللهُ عَلَى النَّارِ»، قَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ، أَفَلَا أُخْبِرُ بِهِ النَّاسَ فَيَسْتَبْشِرُوا؟ قَالَ: «إِذًا يَتَّكِلُوا». وَأَخْبَرَ بِهَا مُعَاذٌ عِنْدَ مَوْتِهِ تَأَثُّمًا.

Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu-:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaal irratti Mu'aaz uddeelluu isaanii taa'ee akkas jedhani: «Yaa Mu'aaz ilma Jabal», siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii sis gamamchiise, isaanis ni jedhani: «yaa Mu'aaz», Mu'aazis siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii siis gammachiise jedhe, yeroo sadi, nabiyyiinis akkas jedhani: «Eenyunuu qalbii isaa irraa dhugoomsee haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa ba'eera taanaan Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisu malee hin hafu» Mu'aazis yaa ergamaa Rabbii, namootatti himee haa gammadanuu? jedhe: nabiyyiinis ni jedhani: «yeroo sana (hojii dhiisanii hadiisa kana irratti) ni hirkatu». Mu'aazis akka badii isaatti hin taaneef jecha yeroo du'a isaa isa hime.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 128

Ibsaa

Mu'aaz ibnu Jabal -Rabbi isa irraa haa jaallatu- booda nabiyyiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaala isaanii woliin yaabbatee ture, isaanis yaa Mu'aaz jechuun isa waamani? yeroo sadi waamicha irra deebi'ani; barbaachisummaa waan jechuuf deemanuu gadi jabeessuuf jecha.
yeroo sadanuu Mu'aaz «siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii si gammachiise» jedhee isaaniif deebise, akkas jechuun: yaa ergamaa Rabbii owwaannaa booda owwaannaatii siif owwaadheera, siif owwaachuudhaan immoo gammachuu barbaadeera jechuudha.
eegasii namni kamiyyuu qalbii irraa dhugoomsee sobaan maletti haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa isaa akka ta'e ragaa ba'ee, haala kana irratti yoo du'e Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisa.
Mu'aaz toltuun akka gammadanuuf jecha namootatti himuu jedhee nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate?
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa irratti hirkatanii, hojiin isaanii xiqqaachuu sodaatani.
Mu'aaz eenyuttuu hin odeessine du'a isaatiin dura malee; badii beekumsa dhoksuu keessa bu'uu sodaaf jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Mu'aaziin gaala irratti booda isaaniitti uddeellachuun of gadi qabuu isaanii agarsiisa.
  2. Nabiyyiin -Rabbiiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan jechuuf deeman irratti xiyyeeffannoo isaa jabeessuuf jecha Mu'aaziin yerooo waaman irra deddeebi'uun isaanii akkaataa barsiisa isaanii agarsiisa.
  3. ulaagaan haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru Muhammad ergamaa Rabbiiti jedhanii ragaa ba'uu, namni isa jedhu dhugoomsaa fi yaqiinaan haala hin kijibnee fi hin shakkineen ta'uudha.
  4. Worri tawhiidaa ibidda keessatti zalaalama hin ta'anu, sababaa badii isaaniitiin yoo seenan illee; booda qulqulleeffamanii isii keessaa baafamu.
  5. Dhugoomsee nama jedheef sadarkaa shahaadaan lameen qabduudha.
  6. Hadiisa wohii yeroo gariitti isa hordofee miidhaan kan dhufu yoo ta'e isa odeessuu dhiisuun eeyyamamaa ta'uu isaa.

Garsisuu hiikowani

63 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
FF Fulfulde foolaaniyyaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية