1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ قَالَ: خَرَجَ مُعَاوِيَةُ عَلَى حَلْقَةٍ فِي الْمَسْجِدِ، فَقَالَ: مَا أَجْلَسَكُمْ؟ قَالُوا: جَلَسْنَا نَذْكُرُ اللهَ، قَالَ آللَّهِ مَا أَجْلَسَكُمْ إِلَّا ذَاكَ؟ قَالُوا: وَاللهِ مَا أَجْلَسَنَا إِلَّا ذَاكَ، قَالَ: أَمَا إِنِّي لَمْ أَسْتَحْلِفْكُمْ تُهْمَةً لَكُمْ، وَمَا كَانَ أَحَدٌ بِمَنْزِلَتِي مِنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَقَلَّ عَنْهُ حَدِيثًا مِنِّي:
وَإِنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ خَرَجَ عَلَى حَلْقَةٍ مِنْ أَصْحَابِهِ، فَقَالَ: «مَا أَجْلَسَكُمْ؟» قَالُوا: جَلَسْنَا نَذْكُرُ اللهَ وَنَحْمَدُهُ عَلَى مَا هَدَانَا لِلْإِسْلَامِ، وَمَنَّ بِهِ عَلَيْنَا، قَالَ: «آللَّهِ مَا أَجْلَسَكُمْ إِلَّا ذَاكَ؟» قَالُوا: وَاللهِ مَا أَجْلَسَنَا إِلَّا ذَاكَ، قَالَ: «أَمَا إِنِّي لَمْ أَسْتَحْلِفْكُمْ تُهْمَةً لَكُمْ، وَلَكِنَّهُ أَتَانِي جِبْرِيلُ فَأَخْبَرَنِي أَنَّ اللهَ عَزَّ وَجَلَّ يُبَاهِي بِكُمُ الْمَلَائِكَةَ».

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa odeeffamee akkana jedhe: Mu'aawiyaan masjiida keessatti Halqaa wahitti dhufee, akkana jedheen: Maaltu isin teessise? Isaanis ni jedhan: Nuti Rabbiin zakkaruuf teenye, ni jedhe: Rabbiin isin qabee kanaaf malee waan biraatif hin teenyee? isaanis ni jedhan: kanaaf malee hin teenye, Innis akkana jedhe: Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, sadarkaan ani Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti qabu irratti tahee namni tokkolleen kan Hadiisa naa gad qabu hin jiru:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- Halqaa wahii kan sahaabota isaanitti dhufanii akkana jedhaniin: «Maaltu isin teessise?» Isaanis ni jedhan: Nuti Rabbiin zakkaruu fi Islaamummaa nuuf kennee waan isaan tola nurratti ooleef jecha isa galateeffachuuf teenye, isaanis ni jedhan: «Rabbiin isin qabee san malee homaa isin hin teessifnee?» isaanis ni jedhan: «Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2701

Ibsaa

Mu'aawiyaan bin Abii Sufyaan Rabbiin isaan irraa haa jaallatu masjiida keessatti Halqaa wahitti dhufee maal irratti akka walitti qabaman isaan gaafate. Isaanis ni jedhan: Rabbiin zakkarra, Innis Rabbiin irraa haa jaallatu, taa’umsaa fi walga’ii isaanii keessatti Rabbiin zakkaruu malee homaa akka hin barbaanne isaan kakachiise, Isaanis isaaf ni kakatan, Ergasii akkana isaanin jedhe: ani isin shakkuu fi dhugaa keessan bir'achuuf isin hin kakachiifne, ergasii waa’ee sadarkaa isaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti inni qabuu fi isa caalaa namni biraa akka isaanitti hin dhihaanne itti hime; sababni isaas Ummu Habiibaan obboleettiin isaa haadha manaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan taatee jecha, akkasumas inni namoota wahyii barreessan irraa waan ta'eef jecha, kanuma waliin inni nama hadiisa waa xiqqoo odeessedha. Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, guyyaa tokko mana isaanitii bahanii masjiida keessa namoota taa'anii Rabbiin zakkaranii waan gara Islaamummaatti isaan qajeelchee isaan isaan irratti tola oolef jecha Isa galatoonfatan arganii, akkuma Mu'aawiyaan -Rabbiin isa irraa jaallatu- saahibban isaa wajjiin hojjete sahaabaa gaafatanii isaan kakachiisan, Ergasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sababa isaan gaafachuu fi kakachiisuu ilaalchisanii akkana isaanin jedhan: Malaa'ikaa Jibriil -nageenyi isa irra haa jiraatu- itti dhufee Rabbiin ol-tahe malaa'ikootatti isiniin akka dhaaddatu, sadarkaa keessan akka itti himu, hojii keessan gaarii isaanitti akka argisiisuu fi isaan birattis akka isin faarsu isaanitti hime.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa Mu'aawiyaan -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- qabuu fi beekumsa dabarsuu keessatti bolola inni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeenya godhachuu keessatti qabuudha.
  2. Shakkii tokko malee barbaachisummaa kheyrii ibsuu keessatti kakachiisuun akka danda'amuudha.
  3. Sadarkaa teessuma zikrii fi beekumsaati, akkasumas Rabbiin akka isii jaallatuu fi malaa'ikootatti akka isiin dhaaddatuudha.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية