1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. Qur'aana kabajamaafii bekkomsoota waayee isaa.

hadiisa Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi

عن سَعِيدِ بْنِ الْمُسَيَّبِ، عَنْ أَبِيهِ قَالَ:
لَمَّا حَضَرَتْ أَبَا طَالِبٍ الْوَفَاةُ، جَاءَهُ رَسُولُ اللهِ صلى الله عليه وسلم فَوَجَدَ عِنْدَهُ أَبَا جَهْلٍ وَعَبْدَ اللهِ بْنَ أَبِي أُمَيَّةَ بْنِ الْمُغِيرَةِ، فَقَالَ: «أَيْ عَمِّ، قُلْ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، كَلِمَةً أُحَاجُّ لَكَ بِهَا عِنْدَ اللهِ»، فَقَالَ أَبُو جَهْلٍ وَعَبْدُ اللهِ بْنُ أَبِي أُمَيَّةَ: أَتَرْغَبُ عَنْ مِلَّةِ عَبْدِ الْمُطَّلِبِ، فَلَمْ يَزَلْ رَسُولُ اللهِ صلى الله عليه وسلم يَعْرِضُهَا عَلَيْهِ، وَيُعِيدَانِهِ بِتِلْكَ الْمَقَالَةِ، حَتَّى قَالَ أَبُو طَالِبٍ آخِرَ مَا كَلَّمَهُمْ: عَلَى مِلَّةِ عَبْدِ الْمُطَّلِبِ، وَأَبَى أَنْ يَقُولَ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صلى الله عليه وسلم: «وَاللهِ لَأَسْتَغْفِرَنَّ لَكَ مَا لَمْ أُنْهَ عَنْكَ»، فَأَنْزَلَ اللهُ: {مَا كَانَ لِلنَّبِيِّ وَالَّذِينَ آمَنُوا أَنْ يَسْتَغْفِرُوا لِلْمُشْرِكِينَ} [التوبة: 113]، وَأَنْزَلَ اللهُ فِي أَبِي طَالِبٍ، فَقَالَ لِرَسُولِ اللهِ صلى الله عليه وسلم: {إِنَّكَ لا تَهْدِي مَنْ أَحْبَبْتَ وَلَكِنَّ اللهَ يَهْدِي مَنْ يَشَاءُ} [القصص: 56].

Sa’iid bin Al-Musayyib Abbaa isaa irraa odeessee akkana jedhe:
Gaafa Abuu Xaalibitti duuti dhufte Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu gara isaatti dhufanii isa biratti Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyah bin Al-Mughiirah argan, eegasii akkana jedhaniin: "Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi", Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Umayyaas akkas jedhaniin: Karaa Abdul muxxalib irraa of duuba deeb'uu barbaaddaa? Ergamaanis nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu jecha sana isa irra fiduu irraa hin deemne, isaanis akkas jechuu deddeebisuu hin dhiifne, hanga Abuu xaalib jecha xumurarratti isaan dubbise keessatti akkana jedhuutti: Ani karaa Abdul muxxalib irra jira, Laa ilaaha illallaah jechuu ni dide, ni jedhe (Al-musayyib): Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkas jedhaniin: "Rabbiin kakadhee hangan sirraa hin dhoorgaminitti araarama siif kadhadha", eegasii Rabbiin aayaa akkas jedhu buuse: {Mushrikootaaf araarama kadhachuun Nabiyyii fi warra amananiif hin malu} [Tawbaa: 113], Waa’ee Abuu xaalib keessatti Rabbiin aayaa buusuun Ergamaa Isaatiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhe: {Ati Nama jaallattu hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha} [Qasas 56].

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 4772

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbeeraa isaanii Abuu Xaalib haala inni du’aa jiruun irratti ol seenanii, akkas jedhaniini: Yaa abbeeraa koo, akkana jedhi: "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru", jecha ani Rabbiin biratti ittiin ragaa siif bahu, Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyaas akkana jedhan: Yaa Abuu Xaalib karaa abbaa kee Abdul Muxxalib dhiiftaa?! Innis(karaan Abdul muxxalib) taabota gabbaruudha, jarri lameen isa dubbisuu irraa hin deemne hanga inni jecha dhumaa kan isaan jarattii dubbise keessatti akkana jedhutti: (ani) karaa Abdul Muxxalib irra jira, karaa shirkii fi taabota gabbaruudhaa, Nabiyyiiniis nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkana jedhan: waan Rabbiin kiyya araarama siif kadhachuu irraa na hin dhoorginiin araarama siif kadhadha, eegasii jechi Rabbii ol ta’ee kun ni bu’e: {Nabiyyii fi warra amananiif, mushrikootaaf (Rabbiin) araarama kadhachuun kan malu hin taane, osoo firoota dhihoo ta’anillee, erga warra jahannam ta’uun isaanii ifa isaaniif ta’ee booda} [Tawbah: 113] Waa'ee Abuu Xaalib keessatti jechi Rabbii Ol ta'ee kun bu'e: {Ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha, Inni warra qajeelan hunda caalaa beekaadha} [ِAl-Qasas: 56]. Ati nama qajeelloo isaa jaallatte hin qajeelchitu, dirqamni kee ergaa geessuudha, Rabbiin nama fedhe ni qajeelcha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Mushrikootaaf osoo firummaan isaanii, hojiin isaanii fi tola ooltummaan isaanii waan fedhe ta'ellee isaanif araarama kadhachuun haraama ta'uudha.
  2. Abbootii fi jaarsolii soba/cubbuu keessatti hordofuun hojii warra jaahiliyyaa irraayi.
  3. Gara karaa kheyritti namoota waamu fi qajeelloo isaanii irratti guutummaa mararfannaa Nabiyyiiti fi bolola isaan qabaniidha, nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu.
  4. Nama Abuu Xaalib islaamummaa qabateera jedhu irratti deebisuudha.
  5. Hojiileen dhuma irratti ilaalamaniidha.
  6. Faayidaa fiduuf ykn miidhaa ofirraa ittisuuf Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- fi waan birotti rarra'uun sirrii ta'uu dhabuudha.
  7. Namni beekumsaa fi mirkaneeffannaan, akkasumas itti amanuudhaan "Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru" jedhe islaamummaa keessa seeneera.
  8. Miidhaa waahellan hamoo fi hiriyyoonni badoon namaa irraan gahaniidha.
  9. Hiikni "Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jechuudhaa: gabbartii taabotaa, waliyyootaa fi warra gaggaarii dhiisanii Rabbii guddaa tokkicha qofa gabbaruudha, mushrikoonni hiika isii ni beekan.
  10. Islaamummaa qabachuun isaa kan kajeelamu yoo ta'e dhukkubsataa mushrikaa gaafachuun ni danda'amaadha.
  11. Qajeelloon kheyrii nama waffaquudhaa harka Rabbii tokkicha shariika hin qabneeti jiraadha, wanni Rasuula irra jiru -nagaa fi rahmmanni isaan irratti haa jiraatu- qajeelloo karaa kheyrii nama agasiisutii fi ergaa geessuudha.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية