1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha

عَنِ أَبِي مُوسَى رضي الله عنه، عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُ كَانَ يَدْعُو بِهَذَا الدُّعَاءِ:
«رَبِّ اغْفِرْ لِي خَطِيئَتِي وَجَهْلِي، وَإِسْرَافِي فِي أَمْرِي كُلِّهِ، وَمَا أَنْتَ أَعْلَمُ بِهِ مِنِّي، اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي خَطَايَايَ، وَعَمْدِي وَجَهْلِي وَهَزْلِي، وَكُلُّ ذَلِكَ عِنْدِي، اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي مَا قَدَّمْتُ وَمَا أَخَّرْتُ، وَمَا أَسْرَرْتُ وَمَا أَعْلَنْتُ، أَنْتَ المُقَدِّمُ وَأَنْتَ المُؤَخِّرُ، وَأَنْتَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ».

Abuu Muusaa irraa odeeffame Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kadhaa kanaan kadhataa turan:
«Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 6398

Ibsaa

Du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan waa hedduu walitti qabate keessaa tokko jecha isaanii kana :
“Yaa Rabbii kiyya, dogoggora koo, dilii koo fi wallaalummaa koo fi waan osoo hin beekin narraa argame, naaf dhiisi.
“Dhimma koo hundumaa keessatti qisaasessuu koo” dagannoo koo fi daangaa darbuu koos naaf dhiisi.
“Waan ati ana irraa beektu” Ati ana irraa beektee ani immoo isa dagadhes yaa Rabbi naaf dhiisi.
“Yaa Rabbi dilii koo fi badiin ani beekkaan dalage naaf dhiisi” waan itti yaadee ana irraa argamee fi waan badii ta'uu isaa osoon beekuu raawwadhes naaf dhiisi.
"Dhugaa koo fi qoosa koo" waan qoosaan dalage, haala lamaan keessatti waan na irraa argame naaf dhiisi.
"Sun hundi na bira jira" wantoota diliiwwanii fi mudaa irraa waan dubbatame walitti qabadhee jira.
"Yaa Rabbi waan dabarsee" fi "waan kana booda hojjadhus" naaf dhiisi.
“badiin ani dhoksee hojjadhee” fi "badiin ani mul'isee hojjadhe" naaf dhiisi.
"Ati dursaa dha, ati boodatti hanbisaa dha" Uumama kee irraa abbaa barbaadde waan ofii jalattu isa waffaquun gara rahmata keetitti dursita, abbaa barbaadde immmoo isa xiqqeessuun rahmata kee irraa duubatti harkifta, kanaaf waan ati booddeetti harkifate namni dursa kennuuf hin jiru, wantoota irraa waan ati dursa kenniteef wanni booddeetti isa deebisu hin jiru.
“Ati waan hundumaa irratti danda'aadha” dandeettii guutuu, fedhii guutu qabda, waan barbaadde akka barbaaddetti hojjatta.

bu.aa hadiisa irraa

  1. sadarkaa du'aa'iin kun qabuu fi Nabiyyiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hidhachuuf jecha isatti yaaddahuun barbaachisaa ta'uudha.
  2. Waa garmalee baasuu irraa dhoorguu fi namni garmalee waa baasu adabbiif akka saaxilamuudha.
  3. Rabbiin ol tahe ilma namaa lubbuu ofii isaa caalaa akka isa beekuudha, kanaaf dhimma isaa hunda Rabbiitti hirkifachuudha qaba; sababni isaas inni osoo hin beekin dogoggora raawwachuu danda'a waan ta'eef jecha.
  4. Namni tokko akkuma dhugaa isaatiif itti gaafatamuu danda’u qoosaa isaatiinis itti gaafatamuu danda’a, kanaaf ilma namaa irratti qoosaa isaa keessatti of eeggannoo gochuun dirqama.
  5. Ibnu Hajar Al-Asqalaniin akkana jedhe: "sanadoota hadiisni kun ittiin gabaafame keessatti du'aa'iin kun bakka addaa akka qabu ragaa agarsiisu tokkollee hin argine. Du’aa'ii kana irra caalaan salaata halkanii keessatti akka isa jedhaa turan gabaasa biroo keessatti argameera. Xumura salaataa irrattis isa akka jedhaa turan dhufeera, haa ta'uu malee salaamtaan dura ykn booda ta'uu keessatti gabaasaaleen wal dhabaniiru. lamrrnittuu dhufee jira.
  6. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dogongoranii araarama kadhatuu laata? Gad of qabuu fi of tuulummaa dhiisuufi jedhame, yookaan immoo guutummaan jalaa dabruu fi waan caalaa dhiisuu akka baditti lakkaa'aniiti, yookaan waan daguun ta’e, ykn waan Nabiyyummaa dura ta’eefi jedhame, Akkasis jedhame: Dhiifama gaafachuun gocha ibaadaa raawwatamuu qabuudha, badiif dhiifama gaafachuu osoo hin taane ibaadaa waan ta'eefi, akkasis jedhame: sun ummata isaanii dammaqsuu fi barsiisuufi; akka isaan ofitti amananii araarama gaafachuu hin dhiifnef jecha.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية