عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«اللهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِي الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي، وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَايَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي، وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي فِيهَا مَعَادِي، وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ، وَاجْعَلِ الْمَوْتَ رَاحَةً لِي مِنْ كُلِّ شَرٍّ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e naaf tolchi, Addunyaa koo kan jireenyi koo keessatti ta'us naaf fooyyessi, Aakhiraa koo kan deebiin koo isa keessatti ta'us naaf tolchi, Jireenya koo kan waan gaarii hundumaa irraa keessatti dabaladhu naaf taasisi, Du'aas kan hamtuu hunda irraa itti boqadhu naaf taasisi».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2720

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii isa keessatti hundeelee naamusa gaggaarii kan isaan ishee guutuf ergaman walitti qabaniin kadhatan, innis tolina Amantii, tolina addunyaa fi aakhiraati, Jecha gabaabaa kana keessatti tolina wantoota sadan walitti qaboo ta'anii kana dubbatanii, Tolina amantiitin eegalan, tolinni jiruu ganda lameenii isaan argama waan ta'eef, akkana jedhan:
(Yaa Rabbi amantii koo naaf tolchi) Naamusa isaa haala hunda caalaa fi guutuu ta’een akkan raawwadhu na waffaquun jechuu dha.
(Isa inni eegumsa dhimma kiyyaa ta'e) akkasumas Dhimma koo hundaaf eegduu kan ta'e, yoo amantiin koo bade dhimmoonni koo ni badan, anis kisaaraa keessa gala, itti aansee tolinni amantii barbaadamaan tolina addunyaatin malee waan hin guutamneef akkana jedhan:
(Addunyaa koos naaf tolchi) Fayyaa qaamaa, nageenya, jireenya, haadha manaa gaarii, maatii gaarii fi waan na barbaachisu kan halaala ta'ee ibaadaa keetirratti na gargaaru naaf kennuun, Ergasii isa kadhachuu keessatti sababaa dubbachuun, akkas jedhan:
(Ishee jireenya koo ishee keessatti ta'u), akkasumas bakki jireenya koo fi yeroon jireenya kootii kan ishee keessatti ta'u.
(Aakhiraa koo kan itti deebi'uuf taa'u naaf tolchi) akkasumas deebii koo kan gara qunnamtii keetitti ta'uuf taa'us naaf tolchi, kun ammoo tolina dalagaa fi Rabbiin gabricha ikhlaasan isa gabbaruuf isa waffaqee khaatimaan toluun mirkanaa'a.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- eega addunyaa dubbatanii Aakhiraa dubbatan; sababni isaas inni jalqabaa mala isa lammaffaa sirreessuu waan ta’eef jecha, Namni akkaataa Rabbiin barbaadutti addunyaan isaaf sirroofte aakhiraan isaas isaaf sirrooftee itti milkaa'a.
(Jireenya taasisi) akkasumas dheerina umrii, (dabalata kheyrii hundaa) kanan hojii gaggaarii itti baay'ifadhu naaf taasisi, (Du'aas naaf taasisi) Saffisiisa isas (badii hundarraa boqonnaa) akkasumas Qormaata, rakkina, dilii fi dagannoon mokkoramuu irraas, akkasumas rakkina addunyaa fi dhiphina ishee irraa bilisa ta'ee kan boqonnaan naaf argamu naaf taasisi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Amantiin wanta hunda caalaa barbaachisaa dha; Kanaafi Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'ii keessatti isaan eegalan.
  2. Amantiin nama tokkoof eegumsa badii hunda irraa isa dhoorga.
  3. Tolina Jiruu addunyaa fi Aakiraatif jecha dhimmoota addunyaa kadhachuun barbaachisaa dha.
  4. Amantii keessatti fitnaa sodaachuuf jecha du’a hawwuun, ykn shahiidummaa irratti akka du’u Rabbiin kadhachuun hin jibbamuudha.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية