عَنِ ابنِ عُمَرَ رضي الله عنهما قَالَ:
لَمْ يَكُنْ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَدَعُ هَؤُلَاءِ الدَّعَوَاتِ، حِينَ يُمْسِي وَحِينَ يُصْبِحُ: «اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ الْعَافِيَةَ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ، اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ الْعَفْوَ وَالْعَافِيَةَ فِي دِينِي وَدُنْيَايَ وَأَهْلِي وَمَالِي، اللَّهُمَّ اسْتُرْ عَوْرَتِي -أَو: عَوْرَاتِي- وَآمِنْ رَوْعَاتِي، اللَّهُمَّ احْفَظْنِي مِنْ بَيْنِ يَدَيَّ، وَمِنْ خَلْفِي، وَعَنْ يَمِينِي، وَعَنْ شِمَالِي، وَمِنْ فَوْقِي، وَأَعُوذُ بِعَظَمَتِكَ أَنْ أُغْتَالَ مِنْ تَحْتِي».

Ibnu Umar irraa odeeffame -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- galgalaa fi ganama du'aa'iilee kanneen hin dhiisan ture: «Yaa Rabbi addunyaa fi aakhirattis fayyaa si kadhadha, Yaa Rabbi dhiifamaa fi fayyaa Amantii koo, addunyaa koo, maatii koo fi qabeenya koo keessatti si kadhadha, yaa Rabbi eybii koo naa sattari, sodaa irraa bilisa na baasi, Yaa Rabbi dura koo, duuba koo, mirga koo, bitaa koo fi gubbaa koo na tiksi, bakka ani hin beekne irraa balaa natti dhufu irraan sitti maganfadha».

sirrii abuudaawud, nasaii, ibnumaajahfii ahmad odeessan Sunana abbaa daawud - 5074

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- du'aa'iilee kanneen galgalaa fi ganama hin dhiisan ture:
(Yaa Rabbi fayyaa si kadhadha) dhukkuba, gidiraa fi rakkina addunyaa, fedhii garagaraa fi qorumsa amantii (addunyaa fi aakhiraatti) waan ammaa fi yeroo fuulduratti dhufu irraa nagaa ta'uu si kadhadha.
(Yaa Rabbi dhiifama si kadhadha) dilii haquu fi irra darbuus (Fayyaas) mudaa hunda irraa nagaa ta'uu si kadhadha, (amantii koo keessatti) shirkii, bid'aa fi badii adda addaa irraa nagaa ta'uu, (addunyaa koo keessatti) balaa, miidhaa fi hammeenya hunda irraa nagaa ta'uu, (maatii koo) haadha manaa koo, ijoollee koo fi firoottan koo keessatti nagaa ta'uu, (Qabeenya koo) fi dalagaa koo keessattis nagaa ta'uu si kadhadha.
(Yaa Rabbi eybii koo naa dhoksi) mudaa fi hanqina natti jiru hundaas, badiilee koo narraa haqi, (sodaa koo irraa bilisa na godhi) naasuu koo fi waan sodaa natti ta'u hunda irraa nagaa na godhi.
(Yaa Rabbi na eegi) miidhaa garaagaraa fi waan nama cinqu narraa deebisi, (fuuldura koo, duuba koo, mirga koo, bitaa koo, fi gubbaa koo na tiksi) Rabbiin gama hundaan akka isaan eegu gaafatan; Sababni isaas balaa fi rakkoon garaagaraa kallattiilee kanneenin waan ilma namaa mudatuu danda'aniif jecha.
(Balaan tasaa natti dhufuu irraa guddina keetitin maganfadha) akkasumas tasa qabamee osoo hin beekin baduu irraas, (na jala irraa) dachiin naan kutamtee baduu irraas sitti maganfadha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rasuulatti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hidhachuuf jecha Jechoota kanneen irratti tikfachuun barbaachisaa ta'uudha.
  2. Akkuma namni tokko amantii keessatti Rabbiin fayyaa akka kadhatu ajajame, addunyaa keessattis akka fayyaa kadhatu ajajamee jira.
  3. Xiibiin akkana jedhe: Kallattiiwwan jahan hammateera gidiraan (rakkoon) karaa isaaniin waan dhufaniif jecha. kallattii gara gadii cimsanii wanti ibsaniif rakkoon gara kanaan dhufu caalaa salphisaa waan ta'eef jecha.
  4. Zikrii ganamaa jechuu keessatti irra caalaan: Fajriin bahuu irraa jalqabee hanga aduun baatutti jalqaba guyyaa keessatti, Asrii booda irraa kaasee hanga osoo aduun hin lixin duratti, sana booda yoo isii jedhe, jechuun: ganama erga bari’ee booda yoo isii jedhe sun isaaf gahaadha, sa’aatii zuhrii booda yoo isii jedhes isaaf gahaadha, erga aduun lixxee booda yoo jedhes gahaadha, yeroon sun yeroo zikrii itti jedhani.
  5. Zikriin halkan keessaa yeroo murtaa’e qabaachuu irratti wanni ragaan agarsiise kan akka aayaa lamaan dhuma Suuraa Baqaraaa qara’uu inni halkan erga aduun lixxee booda taha.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية