1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa {Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi

عَن عبدِ اللهِ بن خُبَيب رضي الله عنه أنه قال:
خَرَجْنَا فِي لَيْلَةٍ مَطِيرَةٍ وَظُلْمَةٍ شَدِيدَةٍ، نَطْلُبُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ؛ يُصَلِّي لَنَا، قَالَ: فَأَدْرَكْتُهُ، فَقَالَ: «قُلْ»، فَلَمْ أَقُلْ شَيْئًا، ثُمَّ قَالَ: «قُلْ»، فَلَمْ أَقُلْ شَيْئًا، قَالَ: «قُلْ»، فَقُلْتُ: مَا أَقُولُ؟ قَالَ: «{قُلْ هُوَ اللهُ أَحَدٌ} وَالْمُعَوِّذَتَيْنِ حِينَ تُمْسِي وَتُصْبِحُ ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، تَكْفِيكَ مِنْ كُلِّ شَيْءٍ».

Abdullah bin Khubayb irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra jiraatu- akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haala taanen baane, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".

sirrii abuu daawud, tirmizii, nasa'iin odeessan sunana tarmizii - 3575

Ibsaa

Sahaabaan guddichi Abdullah bin Khubayb, Rabbiin irraa haa jaalatu, akkana jechuun gabaase: Halkan rooba baay’ee fi dukkana cimaa keessa, Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akka isaan salaachisaniif barbaaduuf ba’an,isaanis isaan argatan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: "Jedhi", jechuunis qara'i(dubbisi) jechuudha, garuu inni homaa hin dubbisne, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- irra deebi'anii dubbisi jedhaniin, Abdullaahis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii maalin dubbisa? Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Suuraa Al-Ikhlaas {Jedhi Inni Rabbii Tokkicha} fi suuraa lamaan mu'awwizateynii{Jedhi ani Rabbii bariititti maganfadha} fi { Jedhi ani Gooftaa namootatti maganfadha}, yeroo galgalaa fi ganamaa, yeroo sadii yoo jette, isaan hamtuu fi balaa hinda irraa si eegan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ganamaa fi galgala suuraa Al-Ikhlaasi fi Al-Mu’awwidhateynii dubbisuun jaalatamaa ta'uu fi isaanis hunda irraa eegumsa akka ta’aniidha.
  2. Suuraa Al-Ikhlaasi fi Al-Mu'awwizatenii dubbisuun sadarkaa guddaa qaba.

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية