1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Nama yeroo sadii akkana jedhe: Maqaa Rabbii kan isa waliin dachii irratti ta’ee samii keessatti wanti nama miidhu hin jirreenin tikfama, inni hedduu dhaga'aadha beekasi, hanga bariisifatutti balaan tasaa isa hin mudatu

عَنْ أَبَانَ بْنِ عُثْمَانَ قَالَ: سَمِعْتُ عُثْمَانَ ابْنِ عَفَّانَ رضي الله عنه يَقُولُ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«مَنْ قَالَ بِسْمِ اللَّهِ الَّذِي لَا يَضُرُّ مَعَ اسْمِهِ شَيْءٌ، فِي الْأَرْضِ، وَلَا فِي السَّمَاءِ، وَهُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ، ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، لَمْ تُصِبْهُ فَجْأَةُ بَلَاءٍ، حَتَّى يُصْبِحَ، وَمَنْ قَالَهَا حِينَ يُصْبِحُ ثَلَاثُ مَرَّاتٍ، لَمْ تُصِبْهُ فَجْأَةُ بَلَاءٍ حَتَّى يُمْسِيَ»، قَالَ: فَأَصَابَ أَبَانَ بْنَ عُثْمَانَ الْفَالِجُ، فَجَعَلَ الرَّجُلُ الَّذِي سَمِعَ مِنْهُ الْحَدِيثَ يَنْظُرُ إِلَيْهِ، فَقَالَ لَهُ: مَا لَكَ تَنْظُرُ إِلَيَّ؟ فَوَاللَّهِ مَا كَذَبْتُ عَلَى عُثْمَانَ، وَلَا كَذَبَ عُثْمَانُ عَلَى النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، وَلَكِنَّ الْيَوْمَ الَّذِي أَصَابَنِي فِيهِ مَا أَصَابَنِي غَضِبْتُ فَنَسِيتُ أَنْ أَقُولَهَا.

Abaan bin Usmaan irraa odeeffamee, ni jedhe: Usmaan bin Affaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- kan akkana jedhuun dhaga'e: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhanin dhaga’e:
«Nama yeroo sadii akkana jedhe: Maqaa Rabbii kan isa waliin dachii irratti ta’ee samii keessatti wanti nama miidhu hin jirreenin tikfama, inni hedduu dhaga'aadha beekasi, hanga bariisifatutti balaan tasaa isa hin mudatu, nama ganama yeroo sadii isa jedhe immoo hanga galgaleeffatutti balaan tasaa isa hin mudatu», ni jedhe: Abaan bin Usmaan faaliji isa qabee, namichi hadiisa isa irraa dhaga'e isa ilaalee jennaan, akkana jedheen: Maaliif na ilaalta? Rabbiin kakadhee ani Usmaan irratti hin sobne, Usmaanis Nabiyyii irratti hin sobne, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, garuu har'a waan na mudateetu na mudate, sababaa sanaan aarii keessa galee isa jechuu dagadhe.

sirrii abuu daawud, tirmizii, nasa'iin kubraa keessatti- ibnumaajhfii ahmad odeessan Sunana abbaa daawud - 5088

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akka ibsanitti namni guyyaa hunda ganama barii booda, galgala halkan hundaa osoo aduun hin lixin yeroo sadii akkas jedhe: (Bismillaah) hunda waan na miidhu irraa maqaa Rabbiitin gargaarsaa fi tika barbaada, (kan hin miine) maqaa isaa dubbachuu waliin (wanni tokkolleen) hanga fedhellee osoo guddatee (Dachii irratti) balaan isa irraa ol bahu (Samii irrattis) balaan gubbaa gadi bu'u, (Inni dhagahaa dha) jechoota keenya (beekaa dha) haalota keenya.
Nama galgala isa jedhe hanga ganamaatti seenutti balaan tasaa isa hin mudatu, nama ganama isa jedhe immoo hanga galgalaatti seenutti balaan tasaa isa hin mudatu.
Gabaasaa hadiisa kanaa Abaan bin Usmaan faalij isa qabee, faalij jechuun inni qaama gara tokkoo kan nama irratti laamshessuudha, namichi hadiisicha isa irraa dhagahe gara Abaan dinqisiifatee ilaaluu eegale, Abaanis akkana jedheen: " Maalif na ilaalta?! Rabbitti kakadhe ani Usmaan irratti hin sobne, Usmaanis Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hin sobne, Garuu har'a waan Rabbiin akkan isa jedhu naaf murteesseen na mudate, Aariin natti dhufee jechoota eeraman kana jechuu dagadhe.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Zikrii kana ganamaa fi galgala gochuun ni jaalatamaadha; sababni isaas akka ilmi namaa hayyama Rabbii ol ta'eetin balaan tasaa, ykn miidhaan ykn kan kana fakkaatan isa mudatu irraa tikfamaa tahuuf jecha.
  2. Jabina warri salafaa Rabbitti amanuu fi waan Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- isaanitti himan dhugoomsuu keessatti qabaniidha.
  3. Faayidaalee zikrii ganamaa fi galgalatti daangeessuu keessaa tokko dagannoo Muslima irraa kutuu fi yeroo hunda inni gabricha Rabbii ol ta’ee ta’uu isaa akka yaadatu isa taasisuudha.
  4. Hanguma amantii nama Rabbiin zakkaruu, khushuu'a qabaachuu isaa fi ikhlaasa fi yaqiinan waliin dhufuu qalbii isaatiini bu'aan zikrii galma ga'a.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية