Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha
Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata
Namni baasii nikaa danda'e haa fuudhu, inni ija gadi qabaaf, akkasumas qaama saalaa eegaadha, namni hin dandeenye immoo haa soomu, inni isaaf kolaasaadha
Dubartiin hayyama waliyyii ishee malee heerumte kamiyyuu, gaa’elli ishee seera qabeessa miti -yeroo Sadii- yoo ishee waliin qunnamtii saalaa raawwate, sababa saniif mahriin isheef dirqama taha, yoo wal dhabdee keessa seenan sulxaanni waliyyii nama waliyyii hin qabneeti
Akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haqni haadha manaa tokkoo keenyaa kan isa irratti qabdu maali? ni jedhan: «Yeroo ofii nyaattu ishee nyaachisuu, yoo ofii uffatte ishees uffisuu, fuula ishee dhahuu dhabuu, fokkattuu jechuu dhabuu fi mana keessatti malee isheen ooduu dhabuudha
Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa