1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ كَانَتْ لَهُ امْرَأَتَانِ فَمَالَ إِلَى إِحْدَاهُمَا، جَاءَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَشِقُّهُ مَائِلٌ».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkas jedhan:
«Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa».

sirrii رواه أبو داود والترمذي والنسائي وابن ماجه وأحمد Sunana abbaa daawud - 2133

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni haadha manaa tokkoo ol qabaatee haadhotii manaa isaa hanga danda’ametti kan akka baasii, iddoo jireenyaa, uffata, fi bultii irratti wal qixa hin ilaalle, guyyaa qiyaamaa qaamni isaa gar tokkee ta'ee akka dhufu himan, gara tokkotti dabuun jallina isaa irratti isa adabuuf jecha, akkuma wajji jireenya isaa keessatti dabetti.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dhiirri haadha manaa isaa lamaan ykn haadholee manaa isaa gidduutti wal qixxummaan qooduun isa irratti dirqama ta'uudha, taan dhiisee gara takkaa isaanitti dabuun irratti haraama, qallaba, bakka bultii, amala toluu fi kan kana fakkaatan keessatti waan danda'uun haqa hojjachuu qaba.
  2. Ilmi namaa waan danda'uun qooda keessatti wal qixxeessuu qaba, wanni inni dandeenye kan akka jaalalaa fi qalbiin gara takkaa dabuu hadiisicha kana keessa hin galu, kanumaati itti tedhame jecha Rabbii ol ta'ee keessatti: {Yoo tattaafii gootanillee dubartoota giddutti haqa hojjachuu hin dandeessan} [Nisaa'a: 129].
  3. Mindaan fakkaatuma hojii ta'uudha, namichi addunyaa keessatti haadha manaa takka irraa gara ishee birotti dabe, guyyaa qiyaamaa walakkaan isaa tokko isa kaan irraa dabee dhufa.
  4. Haqa gabrootaa guddisuu fi dhiifamni ishee keessatti hin gadhamuudha; sababni isaas waan isheen quuqamaa fi qorannoo irratti ijaaramteef jecha.
  5. Yoo namichi haadhotii manaa isaa gidduutti haqaan hin bulchu jedhee sodaate Haadha manaa takka qofa irratti gabaabbachuun jaallatamaa ta'uudha; akka amantii keessatti hanqinni hin mul'anneef jecha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Yoo haqa dalaguu dhabuu sodaattan takkuma qofa fuudhaa} [Nisaa'a: 3].

Garsisuu hiikowani

47 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية