1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Yeroo sujuuda gootu harka keessoo (ganaa) kee lamaan lafa kaa'ii, ciqilee kee lamaan lafa irraa ol kaasi

عَنِ الْبَرَاءِ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِذَا سَجَدْتَ، فَضَعْ كَفَّيْكَ وَارْفَعْ مِرْفَقَيْكَ».

AlBaraa'i irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Yeroo sujuuda gootu harka keessoo (ganaa) kee lamaan lafa kaa'ii, ciqilee kee lamaan lafa irraa ol kaasi».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 494

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata keessatti sujuuda godhan harki akkamitti ta’uu akka qabu ibsaniiru, sunis shanacha harkaa(ganaa) lamaan qubbeen walitti maxxantuu haala taateen gara kallattii qiblaatti garagalchanii lafa kaa’uuni, ciqileen lamaan akka lafa hin tuqne ol ka'oo fi chanaacha lamaan irraa kan fagaatan ta'u qaban.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni salaatu shanacha(ganaa) isaa lafa kaa’uun dirqama akka ta'eedha, ykn maxxansuu qaba, shanachi(ganaan) lamaan qaamota sujuudaa torban keessaa isa tokkoodha.
  2. Dhundhuma lamaan lafa irraa ol kaasuun jaallatamaa ta’uu fi akka bineensi dhundhuma isaa lamaan afatuutti isaan lamaan lafa irratti afuun jibbamaa ta'uudha.
  3. Ibaadaa irratti miqaana, jabeenya fi fedhii mul’isuun karaa ta'uudha.
  4. Namni salaatu tokko humnoolee sujuudaa hunda irratti yeroo hirkate, hundi humnaatuu ibaadaa irraa haqa isaa ni fudhata.

Garsisuu hiikowani

50 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية