1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Allaahumma Antassalaamu, Waminkassalaamu, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam

عن ثَوْبَانَ رضي الله عنه قال:
كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ إِذَا انْصَرَفَ مِنْ صَلَاتِهِ اسْتَغْفَرَ ثَلَاثًا، وَقَالَ: «اللَّهُمَّ أَنْتَ السَّلَامُ، وَمِنْكَ السَّلَامُ، تَبَارَكْتَ ذَا الْجَلَالِ وَالْإِكْرَامِ»، قَالَ الْوَلِيدُ: فَقُلْتُ لِلْأَوْزَاعِيِّ: كَيْفَ الْاسْتِغْفَارُ؟ قَالَ: تَقُولُ: أَسْتَغْفِرُ اللهَ، أَسْتَغْفِرُ اللهَ.

Sawbaan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata isaanii irraa yeroo garagalanitti yeroo sadii araarama Rabbiin gaafatu ture, eegasi akkas jedhu: «Allaahumma Antassalaamu, Waminkassalaamu, Tabaarakta Yaa Zaljalaali Wal ikraam», Waliid ni jedhe: Awzaa'iidhaan, araarama gaafachuun akkamin jedheen? Awzaa'iinis ni jedhe: Astaghfirullaah, Astaghfirullaah, Astaghfirullaah jetta.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 591

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo salaata isaanii raawwatanitti akkana kan jedhu ture: Astagfirullaah, Astaghfirullaah, Astaghfirullaah.
Eegasii "Allaahumma Antassalaamu, Waminkassalaamu, Tabaarakta Yaa Zal Jalaali wal Ikraam" jechuun Rabbii isaanii guddisu, Rabbiin isa waan hunda irraa nagaa ta'ee fi sifaata isaatiinis guutuu ta'eedha, mudaa fi hirdhina hunda irraa qulqulluu kan ta'eedha, hamtuu duuniyaa fi Aakhiraa irraa nagaa bahuu waan biroo irraa osoo hin taane isuma qofa irraa barbaadda, inni toltuun isaa bakka lameenittuu dhugaan heddummaatee jira, abbaa guddinaatii fi tolaati.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaata boodatti istighfaara gochuu fi isa irratti ragga'uun jaallatamaa ta'uu isaa.
  2. Hirdhina ibaadaa keessatti argamu guutuu fi ibaadaa ittiin suphuuf istighfaarri jaallatamaa ta'uu isaa.

Garsisuu hiikowani

63 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
FF Fulfulde foolaaniyyaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية