1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ:
كَانَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَدْعُو وَيَقُولُ: «اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ عَذَابِ القَبْرِ، وَمِنْ عَذَابِ النَّارِ، وَمِنْ فِتْنَةِ المَحْيَا وَالمَمَاتِ، وَمِنْ فِتْنَةِ المَسِيحِ الدَّجَّالِ». وفِي لَفْظٍ لِمُسْلِمٍ: «إِذَا فَرَغَ أَحَدُكُمْ مِنَ التَّشَهُّدِ الْآخِرِ، فَلْيَتَعَوَّذْ بِاللهِ مِنْ أَرْبَعٍ: مِنْ عَذَابِ جَهَنَّمَ، وَمِنْ عَذَابِ الْقَبْرِ، وَمِنْ فِتْنَةِ الْمَحْيَا وَالْمَمَاتِ، وَمِنْ شَرِّ الْمَسِيحِ الدَّجَّالِ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii kadhataa turan: "Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha”. jecha biroo kan Muslim keessatti: "Tokkoon keessan tashahhuda yeroo xumuretti (tashahhuda xumuree osoo salaamtaa hin jenne jechuudha) waan afur irraa Rabbitti haa maganfatu: Adabbii Jahannam, adabbii qabrii, rakkina jireenyaa, rakkina du'aati fi qorumsa masiih addajjaal irraa".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 1377

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti tashahhuda xumuraa boodaa fi salaamtaa duratti waa afur irraa kan Rabbitti majanfatan ta'an, akkasumas wantoota afran san irraa Rabbitti majanfatutti nu ajajan,
Tokkoffaan: Azaaba qabrii irraayi.
Lammaffaan: Azaaba ibiddaa irraayi, sun immoo guyyaa qiyaamatti.
Sadaffaan: Rakkina jireenyaa kan akka fedhiiwwan addunyaa tan haraamatii fi shakkiilee ishee kan nama jallisan irraa majanfachuudha, akkasumas Rakkina du'aa kan yeroo duuti namatti dhufe irraa majanfachuudha, sun akka Islaamummaa yookaan sunnaa irraa jallachuuti, yookaan rakkina qabrii kan akka gaaffii Nakiiri fi Munkariiti.
Afraffaan: Qormaata masiih addajjaal kan dhuma addunyaa keessatti bahee Rabbiin isaan gabroota Isaa mokkoruudha, addatti wanni isa dubbataniif waan qormaanni isaatii fi jallisiinsi isaa guddaa ta'eef jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Majanfannaan kun du'aa'iiwwan akkaan barbaachisoo ta'an kan of keessatti waan hedduu qabatan keessaa isa tokkoodha, sababni isaas waan rakkinoowwan Addunyaa fi Aakhiraa irraa majanfachuu hammateef jecha.
  2. Azaabni qabrii mirkanaa'uu fi dhugaa ta’uudha.
  3. Fitnaan balaa guddaa qabaachuu fi isirraa nagaa ta'uuf Rabbiin gargaarsichuu fi du'aa'ii godhachuun barbaachisaa ta'uudha.
  4. Xumura addunyaatti bahiinsa Dajjaal raggaasisuu fi mokkorri isaa guddaa ta'uu ibsuudha.
  5. Du'aa'iin kun booda tashahhuda xumuraatti barbaachisaa ta'uudha.
  6. Booda hojii gaariitii du'aa'ii godhachuun barbaachisaa ta'uudha.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية