1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna?

عَنْ عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ أَبِي لَيْلَى قَالَ: لَقِيَنِي كَعْبُ بْنُ عُجْرَةَ، فَقَالَ: أَلاَ أُهْدِي لَكَ هَدِيَّةً؟
إِنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ خَرَجَ عَلَيْنَا، فَقُلْنَا: يَا رَسُولَ اللَّهِ، قَدْ عَلِمْنَا كَيْفَ نُسَلِّمُ عَلَيْكَ، فَكَيْفَ نُصَلِّي عَلَيْكَ؟ قَالَ: «فَقُولُوا: اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، اللَّهُمَّ بَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا بَارَكْتَ عَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ».

Abdurrahmaan ilma Abbaa leylaa irraa odeeffamee akkana jedhe: Ka’ab ilmi Ujraa na qunnamee akkana jedhe: kennaa tokko siif hin kennuu?
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: "Akkana jedhaa: Yaa Rabbi Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmta buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti rahmata buuftetti, dhugumatti Ati Faarfamaa, guddaadha, yaa Rabbii Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti, dhugumatti Ati faarfamaa, guddaadha".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 6357

Ibsaa

Sahaabonni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkaataa rahmata isaan irratti itti buusan irraa gaafatan. sun eega Attahiyyaata keessatti akkaataa nagaa isaan irratti itti buusan baranii booda: “Assalaamu Aleyka Ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh...”? jechuunisa: "yaa Nabiyyichaa! nageenyi sirratti haa jiraatu, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu...". Nabiyyiinis -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkamitti rahmata akka isaan irratti buusan isaanif himani, hiikni isiis: "Allaahumma salli alaa Muhammad wa alaa ali Muhammad" Yaa Rabbi Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmata buusi. Jechuunis: Ummata ol’aanaa biratti jecha bareedadhaan isaan faarsi, akkasumas amantii isaanii keessatti warra isaan hordofanii fi maatii isaanii irraa warra amananis ummata ol'aanaa biratti jecha bareedadhaan isaan faarsi. "Akkuma maatii Ibraahiim irratti rahmata buuftetti". Akkuma maatii Ibraahim -nageenyi isa irratti haa jiraatu- irratti rahmata buusuun tola ooltetti, isaanis: Ibraahiim, Ismaa'iil, Ishaaq, hortee isaanitii fi hordoftoota isaanii mu'umintoota, Muhammadittis tola kee dhaqqabsiisi nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu. "Ati Faarfamaa, guddaadha" Jechuunis: Ati zaata kee, sifaata keeti fi gochoota kee keessatti faarfamaadha, guddina kee, aangoo keeti fi kennaa kee keessatti bal’aadha jechuudha. “Yaa Rabbi akkuma maatii Ibraahiim irratti barakaa buuftetti Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi" Jechuunis: kheyri fi karaamaa irraa irra guddaa isii kenniif, itti dabaliif, irrattis tursiisi jechuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Warri duraa dhimma beekumsaa irratti kennaa walii kennaa turan.
  2. Tashaahhuda salaataa isa dhumaa keessatti Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- salawaata buusuun dirqama ta'uudha.
  3. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sahaabota isaanii akkaataa nagaa fi rahmata isaan irratti itti buusan barsiisaniiru.
  4. Rahmata Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- buusuu keessatti bifti kun bifa hunda caalaa guutuu ta’eedha.

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية