عَنْ المُغِيرَةِ رضي الله عنه قَالَ:
كُنْتُ مَعَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي سَفَرٍ، فَأَهْوَيْتُ لِأَنْزِعَ خُفَّيْهِ، فَقَالَ: «دَعْهُمَا، فَإِنِّي أَدْخَلْتُهُمَا طَاهِرَتَيْنِ» فَمَسَحَ عَلَيْهِمَا.

Mughiiraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Imala tokko keessatti Nabiyyii wajjiin ture -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, kophee isaanii lameen irraa baasuuf gadi jedhee jennaan, akkana jedhani: "dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee", eegasii isaan lameen irra haxaayan.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 206

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tokkoo imala isaanii keessatti wuduu'a kan godhatan ta'an, Miila dhiqachuu bira yeruma gayani Mughiiraa bin Shu'ubaa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- kophee irraa waan miila Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra jiru baasuuf jecha harka isaa lameen laate miilli lameen akka dhiqamaniif jecha! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: Dhiisi isaan hin basinii, ani miila koo lameen haala qulqullina irra jiraniinin kophee lameen keessa galchee, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bakka miila lameen dhiquudhaa kophee lameen irra haxaayan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kophee lameen irra haxaayun kan hayyamamu yeroo Hadasa xiqqaa akka fincaanii irraa wuduu'a godhataniidha, Hadasa guddaa akka janaabaa irraa yeroo dhiqatan immoo miila lameen dhiquun dirqama ta'a.
  2. Haxaa’uun yeroo tokko qofa harka jiidha qabu jala osoo hin taane gubbaa kophee irra dabarsuudhaan ta'a.
  3. Ulaagaan Kophee lameen irra haxaayuu wuduu’a guutuu miilli lameen bishaaniin isa keessatti dhiqaman booda uffachuu, kopheen qulqulluu ta'uu, miila irra bakka wuduu-in itti dirqama ta'u kan dhoksu ta'uu, kophee irra haxaayuunis hadasa guddaa ykn waan dhiqannaa dirqama taasisu booda osoo hin taane hadasa xiqqaa booda ta'uu fi kophee irra haxaayuun yeroo shari'aan daangeffame keessatti ta'uudha, innis nama biyya jiruuf guyyaa tokkoo fi halkan tokko, nama imala irra jiruuf immoo guyyaa sadii halkan isaanii waliin.
  4. Wanti miila dhoksu hundi, kan akka kaalsii fi wantoota biroo, akka kophee lameenitti ilaalama, kanaafuu isa irra haxaa’uun ni danda’ama.
  5. Amallii fi barsiisni Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaarii ta'uudha, sun Mughiiraa akka isaan irraa kophee lameen hin baasne yeroo dhoorganii sababa isaas qulqulluu haala ta'aniin godhachuu akka ta'e itti himanitti, kunis lubbuun isaa akka tasgabbooftuu fi hukmii (murtii) isaa akka beekuuf jecha.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية