1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. iiraafii seenaa

hadiisa Nabiyyiin - Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kophee isaanii uffachuu, rifeensa isaanii filachuu, of qulqulleeffachuu fi dhimmoota isaanii hunda keessatti mirga dursuu jaallatu turani

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤمنينَ رضي الله عنها قَالَتْ:
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يُعْجِبُهُ التَّيَمُّنُ، فِي تَنَعُّلِهِ، وَتَرَجُّلِهِ، وَطُهُورِهِ، وَفِي شَأْنِهِ كُلِّهِ.

Aa'ishaa haadha mu'umintootaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette:
Nabiyyiin - Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kophee isaanii uffachuu, rifeensa isaanii filachuu, of qulqulleeffachuu fi dhimmoota isaanii hunda keessatti mirga dursuu jaallatu turani.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 168

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhimmoota isaanii kabajaaf malu keessatti miragaan eegaluu kan jaallatanuu fi caalchifatanu turani, sana keessaa: kophee isaaniii offachuu keessatti mirgaan eegaluu, akkasumas rifeensaa fi areeda isaanii filachuu fi dibata isaaf dibuu keessattis mirgaan eegaluu, akkasumas wuduu'a isaanii keessattis harkaa fi miila yeroo dhiqatan mirga isaanii bitaa dursuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nawawiin akkas jedhe: kun shari'aa keessatti foormulaa(qajeelfama) itti fufaa ta'edha, wanti kabajaa fi sadarkaan wol qabate hundi akka mudawwara, kofoo fi kophee uffachuu, masjiida seenuu, suwaakkachuu, kuullachuu, qeensa qorachuu, areeda funyaan jalaa gabaabsuu, rifeensa faaqqifachuu, rifeensa bobaa buqqisuu, rifeensa mataa aaddachuu, salaata irraa salaama baafachuu, qaamolee xahaaraa dhiqachuu, mana fincaaniitii ba'uu, nyaataa fi dhugaatii, harka wol fuuchuu, hajar al-aswadiin dhungachuu fi kanneen birooo kana fakkatan mirga dursuun jaallataamaadha, wontoonni faallaa kanaatiin ta'an immoo akka mana fincaanii seenuu, masjidaa ba'uu, furrii baafachuu, istinjaa godhachuu, mudawwara, kofoo fi kophee baafachuu fi kanneen kana fakkaatan, bitaa dursuun jaallatamaadha, kun hunduu kabajaa mirgaatii fi sadarkaa isaatiifi.
  2. "Mirga dursuutu isaan jaallachiisa", jechuun: hojii keessatti harka mirgaatiin, miila mirgaatiin, cinaa mirgaatiin eegaluu fi mirgaan fudhachuu fi kennuu jechuudha.
  3. Nawawiin akkas jedhe: beeki! qaamowwan wuduu'aa keessaa kan mirga dursuun jaallatamaa hin taanetu jira; innis gurra lameen, harka lameenii fi maddii lameeni, yeruma tokkotti woliin qulqulleefata, kun nama qaamni muramaa fi kan isa fakkaatanuuf kan rakkisu yoo ta'e immoo; mirga dursa.

Garsisuu hiikowani

53 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية