عَنْ شَدَّادِ بْنِ أَوْسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«سَيِّدُ الِاسْتِغْفَارِ أَنْ تَقُولَ: اللَّهُمَّ أَنْتَ رَبِّي لاَ إِلَهَ إِلَّا أَنْتَ، خَلَقْتَنِي وَأَنَا عَبْدُكَ، وَأَنَا عَلَى عَهْدِكَ وَوَعْدِكَ مَا اسْتَطَعْتُ، أَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّ مَا صَنَعْتُ، أَبُوءُ لَكَ بِنِعْمَتِكَ عَلَيَّ، وَأَبُوءُ لَكَ بِذَنْبِي فَاغْفِرْ لِي، فَإِنَّهُ لاَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ إِلَّا أَنْتَ» قَالَ: «وَمَنْ قَالَهَا مِنَ النَّهَارِ مُوقِنًا بِهَا، فَمَاتَ مِنْ يَوْمِهِ قَبْلَ أَنْ يُمْسِيَ، فَهُوَ مِنْ أَهْلِ الجَنَّةِ، وَمَنْ قَالَهَا مِنَ اللَّيْلِ وَهُوَ مُوقِنٌ بِهَا، فَمَاتَ قَبْلَ أَنْ يُصْبِحَ، فَهُوَ مِنْ أَهْلِ الجَنَّةِ».

Shaddaad bin Aowsi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- ni jedhan:
“Gooftaan istighfaaraa ati akkas jechuudha: Yaa Rabbi Ati Gooftaa kooti si malee haqaan gabbaramaan hin jiru, situ na uume ani gabricha keeti, hamman danda'een ahdii keeti fi waadaa kee irra jira, hamtuu waanan hojjedhe irraa sitti maganfadha, qananii ati na irratti oolte siif raggaasisa, dilii koos siif raggaasisa, kanaaf naaf araarami, si malee kan namaa araaramu hin jiru", ni jedhani: "Namni isii dhugoomsaa haala ta'een guyyaa keessatti isii jedhee, osoo hin galgalaayin du’e, inni warra jannataa irraayi, namni isii dhugoomsaa haala ta'een halkan keessatti isii jedhee, osoo hin bari'in du’e, inni warra jannataa irraayi".

sirrii Bukhaariitu gabaase Sahiiha bukhaarii - 6306

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu- istigاfaaraf jechoonni hedduun akka jiranii fi isaan keessaa inni irra caala fi irra guddaan gabrichi akkas jechuu akka ta’e himan: "Yaa Rabbi Ati Gooftaa kooti si malee haqaan gabbaramaan hin jiru, situ na uume ani gabricha keeti, hamman danda'een ahdii kee fi waadaa kee irra jira, hamtuu waanan hojjedhe irraa sitti maganfadha, qananii ati na irratti oolte siif raggaasisa, dilii koos siif raggaasisa, kanaaf naaf araarami, si malee inni dilii araaramu hin jiru". Garbichi dursee Rabbiif tokkichummaa ni amana, akkasumas Rabbiin uumaa isaati fi gabbaramaa isaa kan hiriyaa hin qabne ta'uu fi innis akka dandeettii isaatin Isatti amanuu fi Isa tole jechuu irraa waan Rabbii ol ta'eef waadaa gale irra akka jiru ni amana; sababni isaas gabrichi hanga fedhe yoo Rabbiin gabbareeyyuu hunda waan Rabbiin isa itti ajajee fi qananii irratti Rabbiin galateeffachuu irraa waan dirqama ta'e raawwachuu waan hin dandeenyef jecha, akkasumas inni gara Rabbitti hirkatee, Isa irraa tika akka barbaadu amanuudha qaba; sababni isaas Inni dhugumatti sharrii gabrichi hojjate irraa kan itti maganfatamu waan ta'eef jecha, Akkasumas gabrichi qananii Rabbiin isaaf godhe beekee, badii fi yakka isaatin gara ofitti deebi'uudha qaba, ​ Rabbitti waywaatuu kana booda, irra darbuu Isaati fi tola Isaatin akkasumas rahmata Isaatin badiiwwan isaa akka Rabbiin isaaf dhoksee rakkinoota isii irraa isa tiksu Rabbii isaa kadhata; sababni isaas Rabbii ol ta'e malee kan badiiwwan namaaf dhiisu waan hin jirreef jecha. Ergasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- zikriin kun zikrii ganamaa fi galgalaa keessaa tokko ta’uu isaa himan, namni mirkaneeffatee isa jedhe, hiika isaas of dura qabee itti amanee jalqaba guyyaa isaa irratti, inni yeroo bahiisa aduuti fi jallatiinsa isii giddutti jiruudha, kunis yeroo guyyaati, eegasii du'ee jannata ni seena, Namni halkan keessatti isa jedhee, innis aduun lixxee hanga bari’utti, eegasii osoo hin bari'in du’e, Jannata ni seena.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akkaataan istighfaara itti godhan kan wal dhabu yoo ta’u, gariin isaa garii irra kan caalu ta'uudha.
  2. Gabrichi kadhannaa kanaan Rabbiin kadhachuun futunuu qaba; Sababni isaas inni gooftaa Rabbiin irra dhiifama barbaaduu waan ta’eef.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية