1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef

عَنْ عَبْدِ اللهِ بنِ مَسعُودٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«عَلَيْكُمْ بِالصِّدْقِ، فَإِنَّ الصِّدْقَ يَهْدِي إِلَى الْبِرِّ، وَإِنَّ الْبِرَّ يَهْدِي إِلَى الْجَنَّةِ، وَمَا يَزَالُ الرَّجُلُ يَصْدُقُ وَيَتَحَرَّى الصِّدْقَ حَتَّى يُكْتَبَ عِنْدَ اللهِ صِدِّيقًا، وَإِيَّاكُمْ وَالْكَذِبَ، فَإِنَّ الْكَذِبَ يَهْدِي إِلَى الْفُجُورِ، وَإِنَّ الْفُجُورَ يَهْدِي إِلَى النَّارِ، وَمَا يَزَالُ الرَّجُلُ يَكْذِبُ وَيَتَحَرَّى الْكَذِبَ حَتَّى يُكْتَبَ عِنْدَ اللهِ كَذَّابًا».

Abdullaah ibnu mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef, hanga Rabbiin biratti akkaan dhugaa dubbataa jedhamee barraa'utti namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu, adaraa soba irraa of eeggadhaa, sobni gara jal'inaatti qajeelcha, jal'inni immoo gara ibiddaatti qajeelcha waan ta'eef, hanga akkaan sobaa jedhamee Rabbiin biratti barraa'utti namichi sobuu fi soba barbaaduu irraa boodatti hin jedhu».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 2607

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugaatti ajajanii, dhugaa aadeffachuun gara hojii gaarii itti fufaa ta'etti akka geessu himani, namni yeroo hundaa hojii toltuu irratti jiraatu nama isa hojjatu jannatatti qaqqabsiisa, iccitii fi ifa ba'aattis dhugaan isa irraa mul'atuu irraa hin deebi'u, isaan maqaa dhugaa dubbataa jedhu haqa godhata; inni dhugummaa keessatti daangaa darbuudha, eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sobaa fi jecha dharaa irraa sodaachisani; inni ragga'anii dhaabbachuu irraa dabuu fi hamtuu, yakkaa fi badii hojjaachuutti waan nama geessuuf jecha, eegasii ibbiddatti isa qaqqabsiisa, Rabbiin biratti sobaa jedhamee hanga barraa'utti soba heddummeessuu irraa boodatti hin jedhu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dhugaa dubbachuun haala bareedaa carraaqqii fi qabsoon argamuudha, namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu hanga dhugaan barmaatilee fi haala uumamaa isaaf ta'utti, Rabbiin biratti immoo dhugaa dubbattootaa fi worra gaggaarii keessatti barraa'a.
  2. Sobni haala jibbamaa kan namni sobu yeroo hedduu isa shaakaluu fi jechaa fi hojiin isa barbaaduu irraa kan ka'een isa argatuudha, hanga haalaa fi barmaatilee isaaf ta'utti, eegasii Rabbiin biratti sobdoota keessatti barraa'a.
  3. Dhugaa jechi jedhu arrabni dhugaa dubbachuu jechuutu itti fedhama, inni faallaa sobaati, akkasuma yaada keessatti dhugoomuudha, inn ikhlaasa irraa lakkaawama, akkasuma toltuu yaade keessatti murannoon dhugoomuu fi hojii keessatti dhugoomuudha, irra gadi aanaan isaa keessoon isaatii fi bakkeen isaa tokko ta'uudha, akkasuma haala adda addaa keessatti dhugoomuudha, akka yeroo sodaa, kajeellaa fi kan biroo keessatti dhugoomuufaa, namni haala sana yookaan garii isaa uffate dhugaa dubbataa irraa ta'a.

Garsisuu hiikowani

52 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية