1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مِنْ حُسْنِ إِسْلَامِ المَرْءِ تَرْكُهُ مَا لَا يَعْنِيهِ».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhan:
«Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati».

قال النووي: حديث حسن رواه الترمذي وغيره الأربعون النووية - 12

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guutina bareeduma isalaamummaa fi iimaana muslima tokkoo irraa: gochoowwanii fi jechoowwan isa hin ilaallanne, kan isa hin galchine, kan isa hin yaachifne, kan isa hin fayyadne, yookaan immoo dhimma diinii fi duuniyaa keessatti waan isa hin ilaallanne irraa fagaachuu akka ta;e ibsan, ilmi namaa waan isa hin ilaallanneen yoo dhiphate, waan isa ilaallatu irraa isa dhiphisuutu mala, yookaan immoo gara waan silaa isa irraa fagaachuu qabuutti isa geessa, ilmi namaa guyyaa qiyaamaa hojii isaa irraa gaafatamaadha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namoonni isalaamummaa keessatti wol caalu, hojii gariidhaan islaamummaan isaa bareedina dabala waan ta'eef.
  2. Jechootaa fi gochoota dabalataa fi taphaa dhiisuun, islaamummaan namichaa guutuu ta'uu isaatti akeeka.
  3. Dhimma diinii fi duuniyaa irraa waan nama ilaallatutti of dhiphisuutti kakaasuutu keessa jira, waan isa hin ilaallanne dhiisuun tolina islaamummaa namichaa irraa yoo ta'e, waan isa ilaallatutti dhiphachuunis tolina islaamummaa isaa irraayi.
  4. Aalimni islaamaa: Ibnul Qayyim akkas jedhe: nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- of qabuu fi Rabbiin sodaachuu hunda isaa jecha tokko keessatti, akkas jechuun wolitti qabani: «Tolina islaamummaa namichaa irraayi, waan isa hin ilaallanne dhiisuun isaa», kun, haasawa irraa, ilaalcha irraa, dhaggeeffachuu irraa, harkaan waa qabuu irraa, deemsa irraa, yaadaa fi sochii mul'ataa fi dhokataa hunda irraa, waan nama hin ilaallanne hunda dhiisuu walitti qabata, kun Rabbiin sodaachuu fi of qabuu keessatti jecha ga'aadha.
  5. Aalimni islaamaa Ibnu Rajab akka jedha: Hadiisni kun bu'uurowwan namuusaa irraa isa tokkodha.
  6. Beekumsa barbaaduutti kakaasuutu keessa jira; ilmi namaa waan isa ilaallatuu fi hin ilaallanne beekumsaan bara waan ta'eef jecha.
  7. Ilma namaa waan isa ilaallatu keessaa, toltuutti ajajuu, badii irraa dhoorguu fi gorsuutti ajajuutu keessa jira, itti ajajamee jira waan ta'eef.
  8. Hiikkaa hadiisichaa walii galaa keessa ni gala: waan Rabbiin ol ta'e haraama taasisee fi nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jibban, kan isa hin ilaallanne irraa fagaachuun, akkasumas hiikkaa walii galaa hadiisichaa keessa ni gala, dhimmoota Aakhiraa irraa wantoonni itti hin haajomamne, kan akka maalummaa waan fagoo(gaybii), balballooma murtii uumamaa fi ajajaa keessa galuu, akkasumas dhimmoota tilmaamaa, kan hin argamne, yookaan kan argamuuf hin kaane, yookaan argamuun isaatuu kan hin yaadamne, gaafachuu fi isa qorachuunis kanuma irraayi.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو