1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Tokkoon keessan yeroo hirriiba isaa irraa ka'e, sheexaanni funyaan isaa keessa waan buluuf, funyaan isaa yeroo sadii bishaan itti ol fudhatee gadi haa deeffatu

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِذَا اسْتَيْقَظَ أَحَدُكُمْ مِنْ مَنَامِهِ فَلْيَسْتَنْثِرْ ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، فَإِنَّ الشَّيْطَانَ يَبِيتُ عَلَى خَيَاشِيمِهِ».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Tokkoon keessan yeroo hirriiba isaa irraa ka'e, sheexaanni funyaan isaa keessa waan buluuf, funyaan isaa yeroo sadii bishaan itti ol fudhatee gadi haa deeffatu».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 238

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni hirriiba isaa irraa ka'e yeroo sadii "Istinsaara" akka godhatu kakaasan. "Istinsaara" jechuun bishaan funyaanitti ol fudhatee gadi deebisuu dha, sababni isaas sheyxaanni funyaan isaa guutuu keessa waan buluufi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nama hirriiba irraa dammaqeef funyaan isaa keessaa haftee sheyxaanaa balleessuuf bishaan funyaanitti ol fudhatee gadi deebisuun karaa godhamuudha, yoo kan wuduu’a godhatu ta'e ammoo bishaan funyaanitti ol fudhatee gadi deebisutti ajajuun yeroo sana ni jabeeffama.
  2. Bishaan funyaanitti ol fudhatanii gadi deebisuun Faayidaa guutuu istinshaaqati, istinshaaqa jechuun keessoo funyaanii qulqulleessuu yoo ta'u, istinsaarri ammoo xurii sana bishaanin waliin baasuudha.
  3. Hirriiba kana hirriiba halkaniitin wal qabsiisuun jecha “ni bula” jedhu irraa fudhatame; sababni isaas buluun hirriiba halkanii irraa malee hin ta'u, akkasumas hirriibni mallattoo namni gadi fageenyaan of kennee keessa turu waan ta'eefi.
  4. Hadiisni kun ragaa sheyxaanni osoo hin beekin nama qabachuu isaa of keessaa qaba.

Garsisuu hiikowani

50 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية