1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan

عَنِ ابْنَ مَسْعُودٍ رضي الله عنه قَالَ:
عَلَّمَنِي رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، وَكَفِّي بَيْنَ كَفَّيْهِ، التَّشَهُّدَ، كَمَا يُعَلِّمُنِي السُّورَةَ مِنَ القُرْآنِ: «التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ، وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلاَمُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلاَمُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ». وفي لفظ لهما: «إِنَّ اللهَ هُوَ السَّلَامُ، فَإِذَا قَعَدَ أَحَدُكُمْ فِي الصَّلَاةِ فَلْيَقُلْ: التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللهِ الصَّالِحِينَ، فَإِذَا قَالَهَا أَصَابَتْ كُلَّ عَبْدٍ لِلَّهِ صَالِحٍ فِي السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، ثُمَّ يَتَخَيَّرُ مِنَ الْمَسْأَلَةِ مَا شَاءَ».

Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganaan koo lameen ganaa isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan: " attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu waxxayyibaat. assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh. assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash-hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash-hadu anna muhammadan abduhuu wa Rasuuluh" hiikkaan isaas: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa ta'an ragaa nan baha, jechuudha". Gabaasa biraa kan Bukhaarii fi Muslim keessatti: "Rabbiin nagaadha, nagaas kennaadha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo salaata keessatti tashahhudaaf taa'e akkana haa jedhu: Kabajowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariin Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barkaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu -yeroo jechoota kana jedhetti samii fi dachii keessatti hunda gabricha Rabbii kan gaarii ta'eef ni geessi- Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an, eegasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 6265

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Ibnu Mas'uudin -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkuma suuraa Qur'aana irraa taate isa barsiisanitti Tashahhuda salaata keessatti jedhamu xiyyeeffannoo ibnu Mas'uud garas deebisuuf jecha haala dhugumatti harka isaanii harka isaa lameen keessatti godhaniin barsiisan, kun jechaa fi hiikkan tashahhuda kanatti yaaddawuu Nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama agarsiisa. Akkas jedhan: "Kabajowwan Rabbiifi": Isiin hunduma jecha ykn gocha kabajaa irratti nama qajeelchu yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. " Salawaanni": Isiin salaata beekamtuu yoo taatu, waajbni isiiti fi sunnaa isiitis Rabbii ol ta'eefi. ​ “Wantoonni gaggaariin”: Isiin jechoota, gochoota fi haalowwan gaggaarii ta'an kan guutummina irratti nama qajeelchan yoo taatu, hundummaan isiituu Rabbii ol ta'eef haqa godhamtuudha. "Yaa Nabiyyii! Nageenyi sirratti haa jiraatu, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu" jdchuun: Hunduma Rakkinaati fi waan jibbamaa ta'e irra nagaa ta'uu fi kheyrii hunda irraa dabalachuu isaanif kadhachuudha. "Nageenyi nuu fi gabroota Rabbii gaggaarii irratti haa jiraatu" jechuun: Namni salaatu tokko ofii isaati fi samii fi dachii keessatti hunda gabricha gaarii ta'eef nagaa kadhachuudha. "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa baha": Kana jechuun Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre cimsee ragaa baha. “Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa baha”: Rabbiif gabra ta'uu isaanitii fi ergama xumuraatin akka ergaman nan raggaasisa.
Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhannaa irraa waan barbaade filachuu irratti nama salaatu kakaasan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Eddoon tashahhuda kanaa salaata hunda keessatti booda sujuuda dhumaati fi salaata rak'aa sadii fi afurii keessatti booda rak'aa lammaffaatiidha.
  2. Tashahhuda keessatti Attahiyyaanni dirqama ta'uudha, jechoota tashahhuda kan Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mirkanaa'an keessaa kan barbaade filatee qara'uu ni danda'a.
  3. Dilii waan hin tahiniin salaata keessatti waan barbaadaniin du'aa'ii godhachuun ni danda'amaadha.
  4. Du'aa'ii yeroo godhatan lubbuu ofiitiin eegaluun sunnaa ta'uudha.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية