1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المؤمنين رضي الله عنها قَالَتْ:
كَانَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ إِذَا اغْتَسَلَ مِنَ الجَنَابَةِ، غَسَلَ يَدَيْهِ، وَتَوَضَّأَ وُضُوءَهُ لِلصَّلاَةِ، ثُمَّ اغْتَسَلَ، ثُمَّ يُخَلِّلُ بِيَدِهِ شَعَرَهُ، حَتَّى إِذَا ظَنَّ أَنَّهُ قَدْ أَرْوَى بَشَرَتَهُ، أَفَاضَ عَلَيْهِ المَاءَ ثَلاَثَ مَرَّاتٍ، ثُمَّ غَسَلَ سَائِرَ جَسَدِهِ، وَقَالَتْ: كُنْتُ أَغْتَسِلُ أَنَا وَرَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ مِنْ إِنَاءٍ وَاحِدٍ، نَغْرِفُ مِنْهُ جَمِيعًا.

Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- akkas jette:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu, eegasii harka isaanii rifeensa isaanii keessa galchanii kan dhiqatan ta'an, yeroo qaama isaanii bishaan quubsuu yaadanitti bishaan yeroo sadii mataa gubbaa ofitti naqanii, eegasii qaama isaanii hunda dhiqatu. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa hammaarranna.

sirrii Bukhaariitu gabaase Sahiiha bukhaarii - 272

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa dhiqachuu yeroo barbaadu harka isaanii lameen dhiqachuun jalqaban ture, Eegasii akkuma nama salaataf wuduu’a godhatutti wuduu'a godhatan, eegasii bishaan qaama isaanii irratti naqanii, eegasii harka isaanii lameen rifeensa mataa isaanii keessa o'oofan, yeroo bishaan hundee rifeensatti gahee, qaama obaase jechuu yaadanitti bishaan mataa gubbaa yeroo sadii ofitti naqan, eegasii qaama isaanii isa hafe dhiqan. Aa'ishaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa bishaan hammaarranna.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Janaabaa irraa dhiqachuun gosa lama: isaanis gartokkee fi guutuu jedhama, Dhiqannaan gartokkeen namichi xaaharaa niyyatee, eegasii lulluuqannaa fi bishaan funyaan keessa ol galchee baasuun waliin bishaan qaama isaa waliin gayuudha, Dhiqannaan guutuun immoo akka Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti dhiqatan kanatti dhiqachuudha.
  2. Hunda nama bishaan sanyii isaa dhangalaase, ykn walqunnamtii saalaa raawwate, osoo bishaan irraa bu'uu baatellee janaabaan irratti ni dhugooma.
  3. Abbaan manaa fi haati manaa qaama saalaa walii ilaaluu ni danda'uudha, akkasumas meeshaa tokko irraa waliin dhiqachuu ni danda'uudha.

Garsisuu hiikowani

59 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية