عَنْ مَيْمُونَةُ أُمِّ المؤمِنينَ رضي الله عنها قَالتْ:
وَضَعْتُ لِلنَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ غُسْلًا، فَسَتَرْتُهُ بِثَوْبٍ، وَصَبَّ عَلَى يَدَيْهِ، فَغَسَلَهُمَا، ثُمَّ صَبَّ بِيَمِينِهِ عَلَى شِمَالِهِ، فَغَسَلَ فَرْجَهُ، فَضَرَبَ بِيَدِهِ الأَرْضَ، فَمَسَحَهَا، ثُمَّ غَسَلَهَا، فَمَضْمَضَ وَاسْتَنْشَقَ، وَغَسَلَ وَجْهَهُ وَذِرَاعَيْهِ، ثُمَّ صَبَّ عَلَى رَأْسِهِ وَأَفَاضَ عَلَى جَسَدِهِ، ثُمَّ تَنَحَّى، فَغَسَلَ قَدَمَيْهِ، فَنَاوَلْتُهُ ثَوْبًا فَلَمْ يَأْخُذْهُ، فَانْطَلَقَ وَهُوَ يَنْفُضُ يَدَيْهِ.

Haadha Mu'umintootaa Maymuunaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, akkas jette:
Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bishaan dhiqannaa kaayee, huccuudhaan girdoo isaanif godhe, bishaan harka isaanii lamaan irratti buusanii, isaan lamaan dhiqatan, ergasii mirga isaanitin bitaa isaanii irratti bishaan buusanii, qaama saalaa isaanii dhiqatan, harka isaanitin lafa rukutanii ishee haxaa'an, ergasii ishee ni dhiqan, lulluuqqatanii bishaan funyaan keessa ol galchanii gadi deebisan, fuula fi harka isaanii lamaan ciqileen waliin ni dhiqatan, ergasii bishaan mataa isaanii irratti gad naqanii qaama isaanii irratti dhangalaasanii dhiqatan, eegasii eddoo dhiqannaa irraa fagaatanii, miila isaanii lamaan dhiqan, uffata wahii laadhefi, garuu hin fudhanne, harka isaanii lamaanin bishaan ofirraa hurgufaa deeman.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 276

Ibsaa

Haati Mu’umintootaa Maymunaan Rabbiin irraa haa jaallatu janaabaa irraa akkaataa dhiqatinsa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa himte, yeroo bishaan ittiin dhiqatan isaanii dhiheessitee, girdoo isaanif gootetti, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka armaan gadii kana raawwatan:
Tokkoffaa: Harka isaanii lamaan irratti bishaan naqanii osoo isaan lamaan meeshaa bishaanii keessa hin galchin dhiqan.
Lammaffaa: Harka mirgaatiin bishaan harka bitaa irratti naqanii qaama saalaa isaanii dhiqatan; Xurii janaabaa irraa itti maxxane irraa isa qulqulleessuuf jecha.
Sadaffaa: Harka isaanitiin lafa rukutanii ishee haxaa'an, eegasii xurii irraa deemsisuuf jecha ishee dhiqan.
Afraffaa: Afaan ni lulluuqatan; sunis Bishaan afaan isaanii keessa galchanii naannessuudhaan eegasii baasan, akkasumas funyaan isaanii keessa ol galchanii isa qulqulleessuuf jecha eegasii gadi deebisan.
Shanaffaa: Fuulaa fi harka isaanii lamaan dhiqatan.
Jahaffaa: Mataa isaanii irratti bishaan ni dhangalaasan.
Torbaffaa: Qaama isaanii isa hafe irratti bishaan dhangalaasanii dhiqatan.
Saddeettaffaa: Bakka isaanii irraa socho’anii waan duraan hin dhiqiniif jecha miila isaanii lamaan dhiqatan.
Eegasii bututtuu wahii tan ittiin goggoffatan qabdee itti dhufte, garuu isaan ishee fudhachuu dhiisanii, bishaan qaama isaanii irraa harkaan haxaa'uu eegalan.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Haadholeen manaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkaataa jireenya isaanii bal'inaan ummata barsiisuuf jecha ibsutti yaadda'uu isaaniti.
  2. Akkaataan dhiqannaa janaabaa kun akkaataalee dhiqannaa janaabaa kan Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mirkanaa’an keessaa isa tokko, Dhiqannaan gahaa tahe ammoo lulluuqqachuu fi bishaan funyaan keessa ol galchanii baasuun waliin bishaan qaama guutuu waliin gahuudha.
  3. Erga dhiqannaa ykn wuduu'a godhachuutii qaama bututtuun goggoffachuun ykn dhiisuun ni hayyamamaadha.

Garsisuu hiikowani

57 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية