1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira

عَن زَيْدِ بْنِ خَالِدٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ جَهَّزَ غَازِيًا فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَقَدْ غَزَا، وَمَنْ خَلَفَ غَازِيًا فِي سَبِيلِ اللَّهِ بِخَيْرٍ فَقَدْ غَزَا».

Zayd ibnu khaalid irraa akka odeeffameetti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 2843

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni worra karaa Rabbii keessatti duula godhuuf sababoowwan imala isaatii fi meeshaa woraanaa, geejjiba, nyaata, baasii fi kan biroo irraa waan inni itti haa haajamu qopheesseef; inni akka nama duuleeti, mindaan duultotaas isaaf argama jechuu himani.
Akkasumas namni dhimma nama duulee toltuun itti gaafatamummaa fudhatee, yeroo inni qe'ee irraa fagaatutti maatii isaa eeguu keessatti bakka isa irraa bu'e inni akkuma nama duuleetti lakkaawama jechuu himani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Toltuu irratti wol gargaaruu keessatti muslimtoota kakaasuutu keessa jira.
  2. Aalimni guddaan ibnu hajar akkas jedhe: Hadiisa kana keessa nama muslimootaaf toltuu hojjate yookaan nama dhimma tokko kan dhimmoota isaanii irraa ta'een dhaabbateef tola ooluutti kakaasuutu jira.
  3. Foormulaan wolii galaa: namni karaa Rabbii keessatti nama gargaare mindaa akka nama gargaaree sanaatu isaaf jira, mindaa nama gargaaramee sana irraa homaa osoo hin hir'ifamin.

Garsisuu hiikowani

53 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية