1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Yaa Rabbi, dheekkamsa kee irraa jaalala keetti, adabbii kee irraas nagaa keetti maganfadha, ammas si irraan sitti maganfadha, akka ati of faarsitetti faaruu kee lakkaa'ee fixuu hin danda'u

عَنْ عَائِشَةَ رضي الله عنها قَالَتْ:
فَقَدْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لَيْلَةً مِنَ الْفِرَاشِ فَالْتَمَسْتُهُ فَوَقَعَتْ يَدِي عَلَى بَطْنِ قَدَمَيْهِ وَهُوَ فِي الْمَسْجِدِ وَهُمَا مَنْصُوبَتَانِ، وَهُوَ يَقُولُ: «اللهُمَّ أَعُوذُ بِرِضَاكَ مِنْ سَخَطِكَ، وَبِمُعَافَاتِكَ مِنْ عُقُوبَتِكَ، وَأَعُوذُ بِكَ مِنْكَ لَا أُحْصِي ثَنَاءً عَلَيْكَ أَنْتَ كَمَا أَثْنَيْتَ عَلَى نَفْسِكَ».

Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette:
Halkan tokko ani Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- firaasha irraa dhabee, isaan barbaadee osoo isaan masjiida keessa jiranii harki kiyya keessoo miila isaanii lamaan tuqxe osoo isaan lamaan dhaabbatanii, isaan akkana jedhuu turani: «Yaa Rabbi, dheekkamsa kee irraa jaalala keetti, adabbii kee irraas nagaa keetti maganfadha, ammas si irraan sitti maganfadha, akka ati of faarsitetti faaruu kee lakkaa'ee fixuu hin danda'u».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 486

Ibsaa

Aa'ishaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jette: Ani Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- cinaa rafaa ture, halkan keessa of biraa isaan dhabee, mana keessatti bakka isaan itti salaataa turanitti harka kootiin tuqe, yeroo sana miilli isaanii lamaan dhaabbatanii osoo isaan sujuuda godhaa jiranii isaan arge, akkana jedhaa turan:
(Nan maganfadha) tawassula seena (jaalala keetiin dheekkamsa kee irraa) Ana irratti ykn ummata koo irratti dallanuu kee irraa, akkasumas (nagaa keeti) fi dhiifama kee baay'eenan (adabbii kee irraa) maganfadha. (sirraan sitti maganfadha) sifoowwan bareedina keetitti sifoowwan guddina keetii irraa maganfadha, si malee wanni sirraa nama eeguu danda'u waan hin jirreef jecha, kanaaf Rabbirraa bakka itti nagaa bahanii fi bakki itti hirkatan hin jiru gara isaatti yoo ta'e malee. Hanga fedhellee yoo tattaafadhe dadhabbii kootif (faaruu siif malu lakkaa'ee hin fixu) faaruu qananii fi tola ooltummaa keetii akka siin malutti lakkaa'ee fixuu hin danda'u. (Ati akka of faarsitetti), ati faaruu siif malu of faarsitee jirta, eenyu namni haqa faaruu keetii geessuu danda'u?!

bu.aa hadiisa irraa

  1. Du'aa'iin kun sujuuda keessatti jaallatamaa ta'uudha.
  2. Miirak akkana jedhe: Gabaasaalee Nasaa'ii tokko keessatti: Salaata isaanii xumuranii yeroo bakka hirriiba isaanii qabatan du'aa'ii kana jedhu ture jechuutu jira.
  3. Sifoowwan isaatiin Rabbi faarsuu fi maqoota isaa kan Qur'aana fi Hadiisa keessatti dhufaniin isa kadhachuun jaallatamaa ta'uudha.
  4. Rukuu'aa fi sujuuda keessatti Rabbii uumaa ta'e guddisuu of keessaa qaba.
  5. Sifaata Rabbiitin maganfachuun ni danda’amaadha, akkuma zaata isaatin maganfachuun danda’amutti, inni qulqullaa'ee ol ta'e.
  6. Khaxxaabiin akkas jedhe: Dubbiin kun hiika gaarii qaba, innis: jaalala isaatin dallansuu isaa irraa isa bilisa baasuuf, nagaa isaatin adabbii isaa irraa Rabbitti maganfate, jaalalaa fi dallansuun faallaa waliiti, akkasumas nagaa namaa taasisuu fi nama adabuun faallaa waliiti, yeruma waan faallaa hin qabne dubbate, iinis Rabbii ol ta'ee waan biraatin osoo hin taane isaan isa irraa maganfate. Hiikni sanaa: Gabbartii isaati isa faarsuu irraa dirqama tokko akka barbaadamutti bahachuu dhabuu irraaa araarama barbaaduudha. Jechi isaa: galata kee lakkaa’uu hin danda’u kan jedhu: Dandeettii akkasii hin qabu, biraas ga’uu hin danda’u jechuudha.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية