1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture

عَنْ سُلَيْمَانَ بْنِ صُرَدٍ رضي الله عنه قَالَ:
كُنْتُ جَالِسًا مَعَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَرَجُلاَنِ يَسْتَبَّانِ، فَأَحَدُهُمَا احْمَرَّ وَجْهُهُ، وَانْتَفَخَتْ أَوْدَاجُهُ، فَقَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «إِنِّي لَأَعْلَمُ كَلِمَةً لَوْ قَالَهَا ذَهَبَ عَنْهُ مَا يَجِدُ، لَوْ قَالَ: أَعُوذُ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيْطَانِ، ذَهَبَ عَنْهُ مَا يَجِدُ» فَقَالُوا لَهُ: إِنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «تَعَوَّذْ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيْطَانِ»، فَقَالَ: وَهَلْ بِي جُنُونٌ؟

Suleemaan bin Surad irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin taa'aa ture, namoonni lama arrabsanii, tokkoo isaanii fuulli isaa diimatee, ujummoo dhiigaa isaa iita'ee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture, osoo akkas jedhee: Sheyxaana irraan Rabbitti maganfadha, silaa rakkinni kun irraa deema ture», sahaboonnis namichaan akkas jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas siin jedhan: «Sheyxaana irraa Rabbiitti maganfadhu», innis ni jedhe: maraatumni natti jiraa moo?

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 3282

Ibsaa

Namoonni lama Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fuulduratti wal arrabsanii, fuulli tokkoo isaanii deematee, ujummoon morma isaa iita'e.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Ani jecha tokko kan osoo namichi aarii qabu kun isa jedhee aariin sun silaa irraa deemuun beeka, osoo akkas jedhee: Sheyxaana abaaramaa ta'e irraa Rabbitti maganfadha.
Isaanis akkana jedhaniin: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: Sheyxaana irraa Rabbitti maganfadhu.
Innis: Ani maraataadhaa?! Sheyxaana irraa kan maganfatu nama maraatummaadhaan rakkate qofa jedhee yaade.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Bakka sababaan isaa argametti qajeelfamaa fi sirreeffama kennuudhaaf bolola Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-qabaniidha.
  2. Aarin sheyxaana irraa ta'aadha.
  3. Yeroo aarii sheyxaana abaaramaa irraa Rabbitti maganfachuutti ajajuudha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: (Yoo garagalchaan sheyxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu..) Aayaa itti guuti.
  4. Arrabsoo fi abaarsa irraa waan isa fakkaatan irraa akeekkachiisuu fi isaan irraa baqachiisuudha; Sababni isaas namoota gidduutti badii guddaa geessan waan ta’eef jecha.
  5. Akka itti fayyadamuuf nama hin dhagahiniif gorsa dabarsuudha.
  6. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- aarii irraa akeekkachiisan; Sababni isaas gara badii fi of eeggannoo dhabuutti waan nama geessuuf jecha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- seerowwan Rabbii ol ta'ee yoo sarbaman malee hin aaru ture, kun immoo aarii faarfamaadha.
  7. Nawawiin jecha “maraatummaa natti qaba yaadduu?” jedhu ilaalchisee akkana jedhe: namni akkas dubbate kun munaafiqoota irraa ta'uu danda'a, ykn gara jabeeyyii warra baadiyyaa irraa ta’uu danda’a.

Garsisuu hiikowani

50 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية