1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Ummanni kiyya hundinuu nagaa keessa jiraatu warra badii hojjatanii muldhisan malee

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«كُلُّ أُمَّتِي مُعَافًى إِلَّا المُجَاهِرِينَ، وَإِنَّ مِنَ المُجَاهَرَةِ أَنْ يَعْمَلَ الرَّجُلُ بِاللَّيْلِ عَمَلًا، ثُمَّ يُصْبِحَ وَقَدْ سَتَرَهُ اللَّهُ عَلَيْهِ، فَيَقُولَ: يَا فُلاَنُ، عَمِلْتُ البَارِحَةَ كَذَا وَكَذَا، وَقَدْ بَاتَ يَسْتُرُهُ رَبُّهُ، وَيُصْبِحُ يَكْشِفُ سِتْرَ اللَّهِ عَنْهُ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkas jedhuun dhagahe:
"Ummanni kiyya hundinuu nagaa keessa jiraatu warra badii hojjatanii muldhisan malee, badii hojjatanii muldhisuu keessaa namni tokko halkan hojii wahii hojjatee, eegasii dhugumatti Rabbiin haala badii sana isaaf dhokseen isaaf kan bari'u yoo ta'u, eegasii akkana jechuu isaati: Yaa ebalu, eda halkan waan akkanaa waan akkasiitiin hojjedhe, dhugumatti Rabbiin isaa isaaf dhoksee haala buleen, girdoo Rabbiin isa irra kaaye sana ofirraa kaasee bari'aaf".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 6069

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Muslima tokko kan badii hojjateef dhiifamni Rabbiitii fi araaramni Isaa akka isaaf abdatamu ibsani, nama of tuulummaa fi baalagummaaf jecha badii isaa muldhisu malee, inni akkasii sun dhiifama haqa hin godhatu, halkan badii hojjatee bulee, ganama dhugumatti Rabbiin haala isaaf dhookseen gadi bahee ani kaleessa badii akkanaatiin hojjadhe jedhee nama birootti of hima, Rabbiin dhugumatti isaaf dhoksee haala buleen ganama gadi bahee girdoo Rabbiin isa kaaye ofirraa kaasa!!

bu.aa hadiisa irraa

  1. Eega Rabbiin namaaf dhoksee badii ofii muldhisuun waan fokkataa ta'uudha.
  2. Badii ifatti labsuu keessatti gidduu mu'uminootaatti safuu babal’isuutu jiraadha.
  3. Namni Rabbiin addunyaa kana irratti badii isaaf dhokse aakhirattis ni dhoksaaf, kun bal’ina rahmata Rabbiin gabroota isaaf godhe irraati.
  4. Namni badii dalaguun mokkorame of saaxiluu dhabee gara Rabbitti towbaa deebi'uudha qabaadha.
  5. Guddina dilii warra badii itti yaadanii muldhisanii, nagaan jiraachuu irraa of hoonggessaniiti.

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية