1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti

عَنْ أَبِي مُسْلِمٍ الْخَوْلَانِيِّ، قَالَ: حَدَّثَنِي الْحَبِيبُ الْأَمِينُ، أَمَّا هُوَ فَحَبِيبٌ إِلَيَّ، وَأَمَّا هُوَ عِنْدِي فَأَمِينٌ، عَوْفُ بْنُ مَالِكٍ الْأَشْجَعِيُّ رضي الله عنه قَالَ:
كُنَّا عِنْدَ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، تِسْعَةً أَوْ ثَمَانِيَةً أَوْ سَبْعَةً، فَقَالَ: «أَلَا تُبَايِعُونَ رَسُولَ اللهِ؟» وَكُنَّا حَدِيثَ عَهْدٍ بِبَيْعَةٍ، فَقُلْنَا: قَدْ بَايَعْنَاكَ يَا رَسُولَ اللهِ، ثُمَّ قَالَ: «أَلَا تُبَايِعُونَ رَسُولَ اللهِ؟» فَقُلْنَا: قَدْ بَايَعْنَاكَ يَا رَسُولَ اللهِ، ثُمَّ قَالَ: «أَلَا تُبَايِعُونَ رَسُولَ اللهِ؟» قَالَ: فَبَسَطْنَا أَيْدِيَنَا وَقُلْنَا: قَدْ بَايَعْنَاكَ يَا رَسُولَ اللهِ، فَعَلَامَ نُبَايِعُكَ؟ قَالَ: «عَلَى أَنْ تَعْبُدُوا اللهَ وَلَا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا، وَالصَّلَوَاتِ الْخَمْسِ، وَتُطِيعُوا -وَأَسَرَّ كَلِمَةً خَفِيَّةً- وَلَا تَسْأَلُوا النَّاسَ شَيْئًا» فَلَقَدْ رَأَيْتُ بَعْضَ أُولَئِكَ النَّفَرِ يَسْقُطُ سَوْطُ أَحَدِهِمْ، فَمَا يَسْأَلُ أَحَدًا يُنَاوِلُهُ إِيَّاهُ.

Abuu Muslim Al-Khawlanii irraa odeeffamee akkana jedhe: Jaallatamaa fi amanamaatu naaf odeesse, inni anaaf jaallatamaadha, ana birattis amanamaadha, inni Aowf bin Maalik Al-Ashja'iidha, Rabbiin isa irraa haa jaallatuu akkas jedhe:
Sagal ykn saddeet ykn torba taanee Ergamaa Rabbii bira turre, -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Isaanis akkas jedhan:- "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nuti waadaa eega isaanif seenne hin turre, kanaaf akkas jenneen: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, isaanis eegasii akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nutis akkas jenne: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, ammas akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" ni jedhe: harka keenya diriisinee akkana jenne: yaa Ergamaa Rabbii waadaa siif galleerra, mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti" dhugumatti garii namoota sanaa alangeen tokkoo isaanii irraa kufee nama tokkollee akka isa isaaf laatu kan hin gaafanne ta'uudhan arge.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 1043

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sahaabota baay’ee wajjin turanii, yeroo sadii akka isaanif waadaa galanii dhimmoota murtaa’an irratti akka ahdii isaan godhan isaan irraa barbaadan:
Tokkoffaan: Ajajoota Isaa raawwatanii dhoorgaalee Isaa irraa fagaachuun osoo homaa Isaatti hin dabalin Rabbii tokkicha gabbaruudha.
Lammaffaan: Salaata shanan guyyaa fi halkan keessatti dirqama ta'an dhaabuudha.
Sadaffaan: Hooggantoota waan beekamaa ta'een dhagayuu fi tole isaan jechuudha.
Afraffaan: Dhimma ofii hunda Rabbiin gahatanii sana irraa homaa namoota gaafachuu dhabuudha, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana yeroo dubbatan sagalee isaanii gadi qabataniiti dubbatan.
Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- wanta waadaa galan sana raawwataniiru, hanga namichi hadiisicha odeesse jedhutti: Garii sahaabota sanaa kan tokkoo isaanii irraa alangeen kufee akka isa isaaf kennu nama tokkollee osoo hin gaafatin ofii isaati yaabbii isaa irraa bu'ee isa kan fudhatu dhugumatti ergeera.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namoota gaafachuu dhiisuu, waa nama gaafachuu jedhamu hunda irraa qulqullaa'uu fi osoo dhimma salphaa osoo ta'ellee namoota irraa duroomuu irratti nama kakaasuudha.
  2. Gaaffiin irraa dhorgame: gaaffii dhimmoota addunyaa wajjiin waan wal qabatuudha, kanaafuu ilmii fi dhimmoota amantaa irraa gaafachuu hin ilaallatu.

Garsisuu hiikowani

58 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية