1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Yaa gurbaa!, ani jechoota wahiitin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu

عن ابن عباس رضي الله عنهما قال:
كُنْتُ خَلْفَ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَوْمًا، فَقَالَ: «يَا غُلَامُ، إِنِّي أُعَلِّمُكَ كَلِمَاتٍ، احْفَظِ اللهَ يَحْفَظْكَ، احْفَظِ اللهَ تَجِدْهُ تُجَاهَكَ، إِذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلِ اللهَ، وَإِذَا اسْتَعَنْتَ فَاسْتَعِنْ بِاللهِ، وَاعْلَمْ أَنَّ الْأُمَّةَ لَوِ اجْتَمَعَتْ عَلَى أَنْ يَنْفَعُوكَ بِشَيْءٍ، لَمْ يَنْفَعُوكَ إِلَّا بِشَيْءٍ قَدْ كَتَبَهُ اللهُ لَكَ، وَلَوِ اجْتَمَعُوا عَلَى أَنْ يَضُرُّوكَ بِشَيْءٍ، لَمْ يَضُرُّوكَ إِلَّا بِشَيْءٍ قَدْ كَتَبَهُ اللهُ عَلَيْكَ، رُفِعَتِ الْأَقْلَامُ وَجَفَّتِ الصُّحُفُ».

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Gaafa tokko booda Ergamaa Rabbiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ture, ni jedhani: "Yaa gurbaa!, ani jechoota wahiitin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki! ummanni guutuun waan tokkoon si fayyaduuf jecha osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif barreesseen malee homaa woma tokkoon si fayyaduu hin danda'anu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf jecha osoo walitti qabamani, waan Rabbiin sila sirratti barreesseen malee homaa woma tokkoon si miidhuu hin danda'anu, qalamiiwwan kaafamte, barruuleen gogde".

sirrii tirmizii odeesse sunana tarmizii - 2516

Ibsaa

Ibnu Abbaas -Rabbi isa irraa haa jaallatu- gurbaa xiqqoo nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uddeelluu yaabbata ture, Nabiyyiin -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ani wantoota Rabbiin ittiin si fayyadun si barsiisa isaan jedhani:
Ajaja Isaa tiksuu fi dhoorgaa isaa irraa fagaachuun Rabbiin tiksi, bakka Inni kheyrii hojachuu fi Isatti dhihaachuu keessatti si arguutti, akkasumas bakka Inni badiiwwanii fi diliiwwan keessatti si hin agarreetti, yoo sana hojjate mindaan kee hamtuu duuniiyaa fi Aakhiraa irraa Rabbiin si eeguu fi garamuu deemtu dhimmoowwan kee keessatti siif tumsuu ta'a.
Waan tokko gaafachuu yoo barbaadde, Rabbiin malee hin gaafatin, kan gaafataaf deebsu Isuma qofa waan ta'eef.
Gargaarsa yoo barbaadde immoo Rabbiin malee hin gargaarsifatin.
Worri dachii hundi si fayyaduu irratti osoo walitti qabamanii waan Rabbiin siif barreesse malee faayidaan kamuu akka siif hin argamne shakkii tokko malee baeekuu qabda, akkasumas worri dachii irraa hundi si miidhuuf jecha osoo walitti qabamanii waan Rabbiin sirratti murteesseen malee homaa akka si miidhuu hin dandeenye shakkii tokko malee beekuu qabda.
Waan kana dhugumaan Rabbiin ol ta'e ogummaan Isaati fi beekumsi Isaa akka akeekuun isa barreessee fi isa murteessee jira, waan Rabbiin barreesse jirjiruun gonkuma hin danda'amu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barbaachisummaa Xixiqqoowwanii fi ijoollewwan dhimmoota tawhiidaa, naamuusaa fi kan biroo barsiisuun qabuudha.
  2. Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.
  3. Waan Isa malee jiru dhiisanii Rabbiin qofa irratti hirkachuu fi Isuma qofa irratti tawakkaluutti ajajuudha, keessa, Inni hirkoof waa tole.
  4. Murtoo, qadaratti amanuu fi isa jaallachuudha, Rabbiin dhugumatti waan hundaa qaddaree jira.
  5. Nama ajaja Rabbii gate Rabbiin isa gata, isas hin tiksu.

Garsisuu hiikowani

69 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
FF Fulfulde foolaaniyyaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan azriffaa
EL Ελληνικά اليونانية
AK Akan الأكانية
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو