1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Namni tolchee wuduu'a godhatee eegasii jumu'aa dhufuudhaan, callisee khuxbaa dhaggeeffate jumu'aa isa kanaa fi jumu'aa itti aanu gidduutti wonti inni dalage isaaf dhiifama, akkasuma dabalata guyyaa sadii woliin

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ تَوَضَّأَ فَأَحْسَنَ الْوُضُوءَ ثُمَّ أَتَى الْجُمُعَةَ فَاسْتَمَعَ وَأَنْصَتَ غُفِرَ لَهُ مَا بَيْنَهُ وَبَيْنَ الْجُمُعَةِ وَزِيَادَةُ ثَلَاثَةِ أَيَّامٍ، وَمَنْ مَسَّ الْحَصَى فَقَدْ لَغَا».

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani:
«Namni tolchee wuduu'a godhatee eegasii jumu'aa dhufuudhaan, callisee khuxbaa dhaggeeffate jumu'aa isa kanaa fi jumu'aa itti aanu gidduutti wonti inni dalage isaaf dhiifama, akkasuma dabalata guyyaa sadii woliin, namni cirracha tuqe dhugaan taphatee mindaa jumu'aa of jalaa balleesse».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 857

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni arkaana isaa, sunnaa isaatii fi namuusa isaa guutee tolchee wuduu'a godhate, eegasii gara salaata jumu'aatti dhufuudhaan callisee khuxbaa dhaggeeffate, waan hin taane irraa callise; Rabbiin badiiwwan xixiqqoo guyyaa kudhaniif akka isaaf dhiiisu himan, sunis salaata jumu'aatii hanga salaata jumu'aa lammaffaatti akkasumas dabalata guyyaa sadii woliin; toltuun fakkaattii isii kudhaniin deebifamti waan taateef jecha. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gorsa khuxbaa keessatti darbuuf qalbii itti kennuu dhabuu irraa sodaachisan, akkasuma cirracha tuquu fi waan biroo gosoota tapha ta'anii fi qalbii namaa hataniin taphachuu irraas sodaachisaniiru, namni waan sana hojjate dhugaan taphatee jira, namni taphate immoo mindaa jumu'aa guutuu ta'e keessaa qooda hin qabu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. wuduu'aa guutanii bareechanii godhachuu fi salaata jumu'aa jabeessanii eeggachuutti kakaasuutu keessa jira.
  2. Sadarkaa salaanni jumu'aa qabu.
  3. Khuxbaa jumu'aatiif callisuun dirqama ta'uu isaatii fi haasawaa fi waan biraatiin qabamuu dhabuudha.
  4. Namni yeroo khuxbaan godhamu taphate mindaan isaa hir'atuu woliin salaanni jumu'aa isaa ga'aadha.

Garsisuu hiikowani

53 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية