1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنِ اغْتَسَلَ يَوْمَ الجُمُعَةِ غُسْلَ الجَنَابَةِ ثُمَّ رَاحَ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَدَنَةً، وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الثَّانِيَةِ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَقَرَةً، وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الثَّالِثَةِ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ كَبْشًا أَقْرَنَ، وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الرَّابِعَةِ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ دَجَاجَةً، وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الخَامِسَةِ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَيْضَةً، فَإِذَا خَرَجَ الإِمَامُ حَضَرَتِ المَلاَئِكَةُ يَسْتَمِعُونَ الذِّكْرَ».

Abuu Hurayraa irraa odeeffame -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti, namni sa'aatii lamatti deeme, akka waan sa'a saddaqateeti, namni sa'aati sadi'itti deeme akka waan hoolaa gaafa qabu saddaqateeti, namni sa'aati afuritti deeme, akka waan lukkuu sadaqateeti, namni sa'aatii shanitti deeme, akka waan killee saddaqateeti, imaamni (khuxbaaf) yeroo ba'etti malaaykaan zikrii(khuxbaa) dhaggeeffachuuf jecha argamu».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 881

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa ganameeffatanii salaata jumu'aa deemuun qabu himani, ganameeffachuun aduun ba'uu irraa eegalee hanga imaamni dhufutti itti fufa; inni sa'aatii shan ta'a, aduun ba'uu irraa hanga imaamni seenee khuxbaaf minbara irra ba'uutti sa'aatiileen gidduu kana jiran akkaataa yerootiin bakka shanitti qoodamu.
Kan jalqabaa: akka dhiqannaa janaabaatti dhiqannaa guutuu nama dhiqatee, eegasii sa'aatii jalqabaa irratti gara masjiida jumu'aa deemeedha, inni akka nama gaala saddaqateeti.
Lammaffaan: nama sa'aatii lammaffaa irratti deemeedha, inni akka waan sa'a saddaqateeti.
Sadaffaan: nama sa'aatii sadaffaatti deemeedha, inni akka waan hoolaa korbeessa gaafa qabu saddaqateeti.
Afraffaan: nama sa'aatii afraffaatti deemeedha, inni akka waan lukkuu saddaqateeti.
Shanaffaan: nama sa'aatii shanaffaatti deemeedha, inni akka waan killee saddaqateeti.
Yeroo imaamni khuxbaadhaaf minbaratti ol ba'etti; malaaykonni worra masjiida ol seenan barreessuuf ulaa irra taa'aa turan barreesuu irraa dhaabbatanii, zikrii fi khuxbaa dhaggeeffachuuf dhufu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Guyyaa jumu'aa dhiqachuutti kakaasuudha, dhiqannaan sun immoo salaata deemuun duratti ta'a.
  2. Sadarkaa salaata jumu'aatti sa'aatii jalqabaa irraa ka'ee ganameeffachuun qabuudha.
  3. Hojii gaarii hojjachuutti ariifachuutti kakaasuutu keessa jira.
  4. Malaaykoonni salaata jumu'aa irratti argamuu fi khuxbaa dhaggeeffachuu isaaniiti.
  5. Malaa'ikoonni balbaloota masjiidowwanii irra dhaabbatanii, salaata jumu'aatiif nama gara masjiidaatti dhufu tokko tokkoon tartiiba dhufaatii isaniitiin barreessu.
  6. Aalimni guddaan ibnu rajab jedhamu akkas jedha: jechi isaanii: "namni guyyaa jumu'aa dhiqatee eegasii deeme" jedhu, dhiqannaan jaallatamaan guyyaa jumu'aa jalqabni isaa fajriin ba'uu akka ta'e, xumurri isaa immoo gara jumu'aatti deemuu akka ta'e akeeka.

Garsisuu hiikowani

53 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية