1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

hadiisa Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu

عن عُمر بن أبي سلمة رضي الله عنه قال:
كُنْتُ غُلَامًا فِي حَجْرِ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، وَكَانَتْ يَدِي تَطِيشُ فِي الصَّحْفَةِ، فَقَالَ لِي رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «يَا غُلَامُ، سَمِّ اللهَ، وَكُلْ بِيَمِينِكَ، وَكُلْ مِمَّا يَلِيكَ» فَمَا زَالَتْ تِلْكَ طِعْمَتِي بَعْدُ.

Umar bin Abii Salamaa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ani mucaa guddisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala ture, harki koo sahanaa nyaataa irra naanna'aa waan tureef, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas naan jedhan: "Yaa gurbaa maqaa Rabbii waami(Bismillaahi jedhi), harka mirgaatiin nyaadhu, gara keetin nyaadhu" sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku.

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 5376

Ibsaa

Umar bin Abii Salaamaa -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu- ilma haadha manaa Rasuulaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- ummu Salamaa -Rabbiin ishee irraa haa jaalatu- kan ta'e -guddifannaa fi kunuunsa isaanii jala ture- yeroo nyaata nyaatu nyaata fudhachuuf harka isaa meeshaa nyaataa keessa asiif achi sochoosuun nyaataa akka ture hime, san irraa kan ka'een Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- naamusa nyaataa sadii akka isa barsiisan hime:
Tokkoofaan ishee: Yeroo nyaata jalabuuf jedhu "Bismillaah" jechuudha.
Lammaffaan ishee: Harka mirgaatin nyaachuudha.
Sadaffaan ishee: Nyaata irraa moggaa isatti aanu irraa nyaachuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Naamusa nyaataa fi dhugaatii keessaa tokko, jalqaba irratti maqaa Rabbii dhahuu (Bismillaah) jechuu dha.
  2. Naamusa ijoollee barsiisuudha, keessattuu warra itti gaafatamummaa namaa jala jiran.
  3. Gara laafina Nabiyyiit, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, akkasumas obsa isaan ijoollee barsiisuu fi naamusa isaan qabsiisuu irratti qabaniidha.
  4. Naamusa nyaataa keessaa tokko moggaa namatti dhihaatu irraa nyaachuudha, yoo nyaanni sun gosa hedduu ta’e malee, haala kana keessatti hiixatee irraa fudhachuu ni danda’a.
  5. Sahaabaan adaba Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, isaan qabsiisan ciccanii kan qabatan ta'uudha, kunis jecha Umar: sana booda akkaataa saniin nyaachuu dhiisee hin beeku kan jedhu irraa fudhatame.

Garsisuu hiikowani

61 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية