1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Dubartoota irratti seenuu irraa of eeggadhaa». Namichi warra Ansaaraa irraa tahe tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii fira abbaa manaa yoo tahe hoo? isaanis akkas jedhan: «Firri abbaa manaa du'a

عَنْ عُقْبَةَ بْنِ عَامِرٍ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِيَّاكُمْ وَالدُّخُولَ عَلَى النِّسَاءِ» فَقَالَ رَجُلٌ مِنَ الأَنْصَارِ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، أَفَرَأَيْتَ الحَمْوَ؟ قَالَ: «الحَمْوُ المَوْتُ».

Uqbaa bin Aamir irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Dubartoota irratti seenuu irraa of eeggadhaa». Namichi warra Ansaaraa irraa tahe tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii fira abbaa manaa yoo tahe hoo? isaanis akkas jedhan: «Firri abbaa manaa du'a».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 5232

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartoota alagaa walitti akka hin makamne akeekkachiisuun akkana jedhan: isin dubartootatti seenuu, dubartoonnis isinitti seenuu irraa lubbuu teessan eegaa.
Namichi warra Ansaaraa tokko akkana jedhe: Fira abbaa manaa yoo tahe hoo? Kan akka obboleessa abbaa manaa, ilma obboleessa isaa, adeera isaa, ilma adeera isaa, ilma obboleettii isaa fi kan kana fakkaatan, warra yoo isiin kan hin heerumne taate, isaanitti heerumuun isiif hayyamamu irraa.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkuma du'a irraa of eeggattan isa irraa of eeggadhaa! jedhan, Sababni isaas firoota abbaa manaa wajjin kophaa ta’uun qorumsa fi badii amantiitti nama geessa, firoonni abbaa manaa kan abbaa isaa fi ijoollee isaa hin tahin alagaa caalaa dhoorgamu qaban, Sababni isaas fira abbaa manaa wajjin kophaa ta'uun nama biraa wajjin kophaa ta'uu caalaa miidhaa fida waan ta'eef jecha, akkasumas namoota biroo caalaa hammeenyi isaa badaa waan ta'eef jecha, fitnaan isaan argamuun caalaatti danda'ama; sababni isaas mormii tokko malee dubartii sana bira gahuu fi kophaa ishee waliin taa'uu waan danda'uuf jecha, akkasumas isa irraa hafiinsi waan hin danda'amneef jecha, isa ishee irraa dhoorguunis hin mijjatu, namichi haadha manaa obboleessa isaa wajjiin kophaa bahuu aadatti waan laaffisaniif jecha; kanaaf inni fokkinaa fi badii qabaachuu keessatti du'atti fakkaata, alagaan immoo akkasii miti; sababni isaas fagootti irraa of eeggannoon gadhama waan taheef jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dubartoota fira dhihoo irratti seenuu fi isaan waliin kophaa ta’uu dhoorguudha, balbala badii raawwachutti geessu cufuuf jecha.
  2. Kun obboleessa abbaa manaa fi firoottan isaa kan dubartiif fira dhihoo hin tahin hunda qabata, dubartitti seenun isheedhaan waliin kophaa bahutti kan nama geessu tahuun ilaalcha keessa galu qaba.
  3. Hamtuutti kufuu sodaachuuf jecha, walumaagalatti eddoolee dogongora keessa nama galchuu danda'an irraa fagaachuun barbaachisaa dha.
  4. Nawawiin akkana jedhe: Ulamaa'onni afaan arabiffaa obboleessa abbaa warraa jechuun, firoota abbaa manaa isaa, kan akka abbaa isaa, adeera isaa, obboleessa isaa, ilma obboleessa isaa, ilma abbeeraa isaa fi kan kana fakkaatan ta’uu irratti waliigalaniiru. Akkasumas "Akhtaan" kan jedhu firoota haadha manaa namichaa akka ta’an, warri soddaa immoo gosa lamaan irratti akka dubbatamu waliigalaniiru.
  5. (Fira abbaa manaa) du'aan wal fakkeessan, Ibnu hajar akkas jedhe: Araboonni waan jibbamaa tokko du'aan wal fakkeessanii ibsu, akkaataan wal fakkeenya isaas yoo badiin argame inni du'a amantititi, yoo badiin argamee dhagaadhaan cafaqanii ajjeesuun dirqama tahe immoo inni du'a namicha dubartiin kophaa baheeti fi abbaa manaa ishee irraa adda bahuun halaakamuu dubartiiti, yoo hinaaffaan akka ishee hiiku isa goote.

Garsisuu hiikowani

51 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية