1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala

عن ابن عباس رضي الله عنهما قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«من اقتبَسَ علْمًا مِنَ النُّجُومِ اقْتبَسَ شُعبَة مِن السِّحرِ، زادَ ما زادَ».

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala».

sirrii abuu daawud, ibnu maajah, ahmad odeessan Sunana abbaa daawud - 3905

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni baratee beekumsa urjiiwwanii fi seensa isii fudhatee, sochii isii, seensa isiitii fi ba'iinsa isiitiin, taatee dachii irratti ta'u du'a ebeluu yookaan jireenya ebeluu yookaan dhukubba isaatii fi waan sana fakkaatu waan fuulduratti argamu irratti akka ragaatti dhiheeffate, dhugaatti falfala irraa qooda wohii akka barate ibsani, ilmi namaa hanguma beekumsa kana heddummeesseen falfalas heddummeesseera.

bu.aa hadiisa irraa

  1. urjiiwwaniin raaguun haraama ta'uu isaa, inni haalota urjii irratti hundaa'uun waan fuulduratti dhufu irraa dubbachuudha; beekumsa fagoo himachuu irraa waan ta'eef inni haraama.
  2. urjiin raaguun haraama ta'e gosa falfalaa tawhiida falleessu irraati, faallaa kanaatti immoo kallattiiwwan baruuf yookaan qiblaa baruuf yookaan yeroon yookaan baatiwwan seenuu baruuf jecha urjiiwwan ilaaluun eeyyamamaadha.
  3. hanguma urjiin raaguu barachuu dabaluun dameewwan falfalaa irraa barchuus dabala.
  4. urjiiwwaniif bu'aawwan sadi'i kan Rabbiin Qur'aana isaa keessatti dubbateetu jira: samiidhaaf faaya, mallattoowwan ittiin kallattii qajeelfatani, shayxaanaaf immoo furguuggeedha.

Garsisuu hiikowani

64 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
UG ئۇيغۇرچە igooriffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
FR Français Faransaayiffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
JA 日本語 jaappaaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
FF Fulfulde foolaaniyyaa
IT Italiano xaaliyaaniffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
YAO Yao الياو
KMR Kurmancî الكرمنجية