1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Harka kee qaama kee irraa bakka dhukkubbiin sitti dhagahamu irra kaa’ii, akkana jedhi: Bismillaah" Maqaa Rabbiitin, yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedhi: "Hammeenya na mudatee fi sodaadhu irraa Rabbii fi dandeettii isaatti maganfadha

عَنْ عُثْمَانَ بْنِ أَبِي الْعَاصِ الثَّقَفِيِّ رضي الله عنه أَنَّهُ شَكَا إِلَى رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَجَعًا يَجِدُهُ فِي جَسَدِهِ مُنْذُ أَسْلَمَ، فَقَالَ لَهُ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«ضَعْ يَدَكَ عَلَى الَّذِي تَأَلَّمَ مِنْ جَسَدِكَ، وَقُلْ بِاسْمِ اللهِ ثَلَاثًا، وَقُلْ سَبْعَ مَرَّاتٍ أَعُوذُ بِاللهِ وَقُدْرَتِهِ مِنْ شَرِّ مَا أَجِدُ وَأُحَاذِرُ».

Usmaan bin Abii Al-Aas al-saqafii irraa akka odeeffametti -Rabbi irraa haa jaallatu- inni Ergamaa Rabbiititti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- erga Islaamummaa qabatee dhukkubbiin qaama isaatti akka dhagahamu himate, Ergmmaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhaniin:
«Harka kee qaama kee irraa bakka dhukkubbiin sitti dhagahamu irra kaa’ii, akkana jedhi: Bismillaah" Maqaa Rabbiitin, yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedhi: "Hammeenya na mudatee fi sodaadhu irraa Rabbii fi dandeettii isaatti maganfadha».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 2202

Ibsaa

Usmaan bin Abii Al-Aas -Rabbi irraa haa jaallatu- dhukkubbii isa ajjeesuuf ka'e wahiitu isa mudatee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- isa gaafachuuf jecha gara isaa dhufanii, du'aa'ii sababaa isaatin Rabbiin dhukkuba isa mudate isa irraa kaasu isa barsiisan; innis eddoo dhibamu irra harka isaa kaa'ee akkana jedha: (Bismillaah) Yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedha: (A'uuzu/nan maganfadha) kooluu barbaada, ofiin eega, ofin tiksa (Rabbii fi dandeettii isaatti hammeenya waan ofitti arguu irraa) laalaa ammaa irraa fi (waanan sodaadhu) yaaddoo fi sodaa irraa fuulduratti argamuu isaa kanan sodaadhu irraa, ykn dhukkubni kun itti fufee laalaan isaa qaama wal gaya jedhee waanan sodaadhu irraa isatti maganfadha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akka Hadiisicha keessatti ibsametti ofiif ruqyaa gochuun/of yaaluun ni jaalatamaadha.
  2. Dhukkuba himachuun -nuffuu fi mormii malee yoo ta'e- Rabbiin irratti hirkachuu fi obsa hin faallessu.
  3. Du'aa'ii gochuun wantoota sababaa tahan keessaa isa tokko waan ta’eef, jechootaa fi lakkoofsa isaa irratti cichuun barbaachisaadha.
  4. Du'aa'iin kun dhukkubbii qaama hundaaf taha.
  5. Yeroo du'aa'ii kanaan ruqyaa godhatan harka bakka dhukkubbii san irra kaa’uudha.

Garsisuu hiikowani

50 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية