1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. aqiidaa

hadiisa ‌Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu

عن تَميم الداري رضي الله عنه، قال: سمعتُ رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«‌لَيَبْلُغَنَّ ‌هَذَا الأَمْرُ مَا بَلَغَ اللَّيْلُ وَالنَّهَارُ، وَلَا يَتْرُكُ اللهُ بَيْتَ مَدَرٍ وَلَا وَبَرٍ إِلَّا أَدْخَلَهُ اللهُ هَذَا الدِّينَ، بِعِزِّ عَزِيزٍ أَوْ بِذُلِّ ذَلِيلٍ، عِزًّا يُعِزُّ اللهُ بِهِ الإِسْلَامَ، وَذُلًّا يُذِلُّ اللهُ بِهِ الكُفْرَ» وَكَانَ تَمِيمٌ الدَّارِيُّ يَقُولُ: قَدْ عَرَفْتُ ذَلِكَ فِي أَهْلِ بَيْتِي، لَقَدْ أَصَابَ مَنْ أَسْلَمَ مِنْهُمُ الْخَيْرُ وَالشَّرَفُ وَالْعِزُّ، وَلَقَدْ أَصَابَ مَنْ كَانَ مِنْهُمْ كَافِرًا الذُّلُّ وَالصَّغَارُ وَالْجِزْيَةُ.

Tamiim Al-daarii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhuun dhaga’e:
«‌Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'ee mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu, jabeenya jabaatiin, ykn xiqqeenya xiqqaatatiin, Jabeenya Rabbiin Islaamummaa ittiin jabeessu fi xiqqeenya Rabbiin kufrii ittiin xiqqeessu» Tamiima Al-daariin akkana kan jedhu tahe: jecha kana ani warra kiyya keessatti dhugumatti argeera, Nama isaan irraa Islaamummaa qabate dhugumatti kheyriin, kabajaa fi jabeenyi isa mudateera, Isaan keessaa nama kaafira tahe ammoo salphinni, xiqqeenyi fi gibirri dhugumatti isa mudateera.

sirrii ahmad odeesse Musnada Ahmad - 16957

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Amantiin kun kutaalee dachii hundatti akka babal’atuu fi bakka halkanii fi guyyaan gaye kamuu Amantiin kun akka gayuu taa'u himani. Rabbiin mana tokko magaalaa, gandoota keessattii fi baadiyyaa keessatti osoo amantii kana hin galchin hin dhiisu. Namni amantii kana fudhatee itti amane jabeenya Islaamaatiin jabaa taha. Namni isa didee itti kafare ni salphataa xiqqaataa taha.
Eegasii sahaabichi Tamiim Al-daariin, Rabbiin irraa haa jaallatu, waan Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubbatan sana maatii isaa keessatti akka beeke hime, isaan keessaa namni islaamummaa qabate kheyrii, kabajaa fi jabeenya akka argate, isaan keessaa namni isa didee kafare ammoo horii irraa waan muslimtootaf kaffalu wajjiin salphinaa fi xiqqeenyi akka isa mudate hime.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Amantiin isaanii Islaamummaan kutaalee dachii hunda keessatti babal'atuuf taa'a jechuun muslimtootaaf gammachuu guddaa akka taheedha.
  2. Jabeenyi Islaamaa fi Muslimootaf ta'uu fi xiqqeenyi ammoo kufrii fi kaafirootaf tahuudha.
  3. Isa keessa Ragaa ragaalee nabiyyummaa keessaa tahee fi mallattoo mallattoolee isaa keessaa taheetu jira, innis waan fuulduratti argamu dubbatanii akkuma isaan jedhanitti argame, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu.

Garsisuu hiikowani

56 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية