1. fuula hangafaa ykn tokkoffaa
  2. tarreewwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

hadiisa Isin keessaa namni tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee, meeqa akka salaate yoo hin beekin sadii moo afurii, shakkii sana ofirraa dhiisee, waan mirkaneeffate irratti ijaaree, eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama haa sujuuduu

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِذَا شَكَّ أَحَدُكُمْ فِي صَلَاتِهِ، فَلَمْ يَدْرِ كَمْ صَلَّى ثَلَاثًا أَمْ أَرْبَعًا، فَلْيَطْرَحِ الشَّكَّ، وَلْيَبْنِ عَلَى مَا اسْتَيْقَنَ، ثُمَّ يَسْجُدُ سَجْدَتَيْنِ قَبْلَ أَنْ يُسَلِّمَ، فَإِنْ كَانَ صَلَّى خَمْسًا شَفَعْنَ لَهُ صَلَاتَهُ، وَإِنْ كَانَ صَلَّى إِتْمَامًا لِأَرْبَعٍ كَانَتَا تَرْغِيمًا لِلشَّيْطَانِ».

Abuu Sa’iid Al-khudrii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jaalatu- akkana jedhan:
«Isin keessaa namni tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee, meeqa akka salaate yoo hin beekin sadii moo afurii, shakkii sana ofirraa dhiisee, waan mirkaneeffate irratti ijaaree, eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama haa sujuuduu, Yoo raka'aa shan kan salaate tahe, salaata isaa qindii taasisaaf, yoo raka'aa afur guutuu kan salaate tahe immoo Sheyxaana lafatti rigaadha taha».

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 571

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiratu- namni salaata salaatu tokko salaata isaa keessatti shakkee meeqa akka salaate hin beekin, sadii moo afurii? Lakkoofsa dabalataa, shakkisiisaa ta'e fageessuudhaan raka'aan sadii mirkanaa'aa waan tahuuf raka'aa afraffaa salaatee eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama akka sujuuduu qabu ibsaniiru.
Wanti inni salaate dhugumatti afur yoo ta’e; Raka’aan tokko itti dabalamuun shan ta’a, sujuudni lamaan dagannaa bakka raka’aa tokkoo bu'a yoo tahu, kanaaf lakkoofsi witrii osoo hin taane qindii taha, raka’aa dabalamte sanaan afur yoo kan salaate tahe; dirqama irra jiru dabaluu fi hir'isuun maletti ofirraa geesseera.
Sujuudni lamaan dagachuu sheyxaana salphisuu, xiqqeessuu fi honga'aa yaada ofii irraa fageeffame tahee akka deebi'uuf taha; sababni isaas waan inni salaata isaa isa irratti wal fakkeessee balleessuuf waan yaalef jecha, salaatni ilma Aadam ni guutamti yeroo sujuuda sheyxaanni dide gochuun ajaja Rabbii ol tahee fudhate, sunis yeroo sheyxaanni Aadamiif akka sujuudu ajajamee Rabbiif tole jechuu dideedha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni salaataa jiru tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee tokkoon waa lamaa isa biratti irra caalaa hin tahin inni shakkii ofirraa dhiisee waan mirkanaa'etti hojjeta, inni isa irra xiqqaa taheedha, salaata isaa xumuree, osoo salaama hin baafatin sujuuda dagachuu gochuun achi booda salaama baafata.
  2. Sujuudni lamaan kun karaa salaata ittiin sirreessani, akkasumas karaa sheyxaana hongayaa xiqqaataa yaada isaa irraa fageeffamaa haala taheen itti deebisani.
  3. Shakkiin Hadiisa keessatti dubbatame inni garri tokko irra caaluun maletti waa lama nama biratti walqixxaa'uudha, kanaaf shakkiin yoo jiraatee garri tokko irra caale itti hojjetama.
  4. Ajaja Shari'aa fudhachuun waswaasa sheyxaanaa falmachuu fi ofirraa dhiibuu irratti kakaasuudha.

Garsisuu hiikowani

56 afaan
EN English Ingiliffaa
UR اردو Orduu
ES Español ispeeniffaa
ID Indonesia Indoneziyaffaa
BN বাংলা bangaaliffaa
TR Türkçe turkiffaa
RU Русский hiikaa raashiyaa
BS Bosanski boosniyaffaa
SI සිංහල hiikaa sanhaaliffaa
HI हिन्दी afaan Hindii
ZH 中文 chaayiniffaa
FA فارسی faarisiffaa
VI Tiếng Việt vetenaamiffaa
TL Tagalog tagaaloogiffaa
KU Kurdî kurdiffaa
HA Hausa hoosaa
PT Português portuugaaliffaa
ML മലയാളം malayalaamiffaa
TE తెలుగు tilgoo
SW Kiswahili sawaahiilii
TA தமிழ் afaan taamilii
MY မြန်မာ buurmaaffaa
TH ไทย taaylaandiffaa
DE Deutsch jarmaniffaa
PS پښتو bishtuu
AS অসমীয়া asaamiiffaa
SQ Shqip albaaniyaffaa
SV Svenska suweydiffaa
AM አማርኛ Amaariffaa
NL Nederlands holaandiyaa
GU ગુજરાતી goojaaraatiffaa
KY Кыргызча qargiiziffaa
NE नेपाली neebaaliffaa
YO Yorùbá yoorbaffaa
LT Lietuvių Hiikaa alleytowaaniya
PRS دری daryaffaa
SR Српски sarbiyaffaa
SO Soomaali HSomaaliffaa
TG тоҷикӣ xaajiikiyyaa
RW Kinyarwanda keniyaa ruwaandiya
RO Română roomaniyaffaa
HU Magyar majriffaa
CS Čeština cheekiffaa
MOS Moore الموري
MG Malagasy maalaagaashiyaffaa
KN ಕನ್ನಡ kanadiffaa
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan azriffaa
UZ O‘zbek uzbeekiffaa
UK Українська okraaniffaa
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية